East Shewa Education

East Shewa Education

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from East Shewa Education, Education Website, Barnoota Godina Shawaa Bahaa, Adama.

Photos from East Shewa Education's post 16/06/2026

Qorumsa Naannoo kutaa 6ffaa Guyyaa 2ffaa kennamuu eegalee.
Wax. 09/2018

Bulchiinsa Godina Shawaa Bahaa Aanaaleefi Bulchiinsa Magaalotaa buufata qorumsaa hundaa irratti qorumsi Xumura Sadarkaa 1ffaa kutaa 6ffaa guyyaa 2ffaan kennamuu eegaleera!

kun guyyaa har'aa (09/10/2018) waaree dura kan xumuramudha!

Photos from East Shewa Education's post 15/06/2026


Waxabajjii 08/10/2018

Qormaatni Naannoo Xumura Barnoota Sad. 1ffaa kutaa 6ffaa guyyaa jalqabaa naamusa gaariin xumurameera!
kenname gosa barnootaa

waaree dura kan fudhatan yommuu ta'u
waaree booda kennamee jira.

Photos from Dugda Communication Office's post 15/06/2026
Photos from East Shewa Education's post 15/06/2026

Qorumsa Naannoo kutaa 6ffaa kennamuu eegalee.

Wax. 08/2018 [Adaamaa]

Waajjira Barnootaa Godina Shawaa Bahaa Aanaaleefi Bulchiinsa Magaalotaa buufata qorumsaa hundaa irratti qorumsi Xumura Sadarkaa 1ffaa kutaa 6ffaa kennamuu eegaleera!

14/06/2026

Qorumsa Naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2018 kennuuf qophiin hundi xumuramuu ibsame

Waxabajjii 07,2018 [Adaamaa],
Waajjirri Barnootaa Godina Shawaa Bahaa Qorumsa Naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2018 kennuuf Aanaalee 11 fi Bulchiinsa Magaalaa 2 irratti qophiin babaachisu hundi xumuramuu beeksisee jira

Qorumsa guyyaa boruu (08/10/2018) eegalu Gareen supparvijinii Waajjira Barnootaa Godina Shawaa Bahaa Aanaalee/Magaalota hundaa keessatti argamuun kilaastara/buufata qorumsaaf adda bahan keessatti argamuun haaldureewwan qorumsa kennisisuu danda'an qophaa'uufi ibsa qormaataa waliigalaa (Orrientation) barattootaaf kennamaa ture hordofanii jiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Shawaa Bahaa Obbo fi Daayirikteerri Daayirikteerootii Sagantaa BBB BBO Aadde buufata qorumsaa Aanaa keessa jiru hundaa keessatti guyyaa har'aa (07/10/2018) argamuun qorumsa kennuuf haalli mijataan uumamuu mirkaneessanii jiru.

Walumaagalatti, waraqaan qormaataa gara buufataalee nagaan gahuu, waraqaan qormaataa kutaa qulqulluufi nageenyi eegame keessatti saamsamee taa'uu, balbala daree qormaataa irratti lakkoofsa maxxansuu, teessoo barattootaaf mijeessuu, orrenteeshiniin barattootaa, qortoota(barsiisota qormaata kennaniifi), qaama nageenyaaf kennamuu Garee supparvijinii bobba'een Aanaalee 11 fi Bulchiinsa Magaalotaa 2 irraa gaabaasni dhiyaate ibsee jira.

Barattoota keenyaaf carraa gaarii hawwina!!

13/06/2026

Raawwachiistota Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaafi 8ffaa Bara 2018 Irraa Maaltu Eegama?
------------
Waxabajjii 06/2018 Qormaata Naannoo Xumura Barnoota Sad. 1ffaa (Kutaa 6ffaafi Xumura Barnoota Sad. G/G (Kutaa 8ffaa) bara 2018 08 -12 /2018 kennamu ilaalchisee Namoota Qormaata Raawwachiisan ( Kilaastara Qormmaataa, Qormaataa, Qormaataafi / ) gaheen isaanii adda bahee taa'eera.

-
- Haala Qajeelfama Bulchiinsa Qormaataa Biiroo Barnootaa Oromiyaatiin haala waliigalaa naamusaafi nageenyummaa qormaataa kilaastarichaa olaantummaan hogganuu,
- Raawwachiistota qormaataa, barattootaafi qaama nageenya(Poolisii)f adda addaan ibsa (Orrientation) gahaa kennuu .
- Sagantaa qormaataa qopheessuufi bakka mul'atutti maxxansuu,
- Raawwachiistota qormaataa olaantummaan ramaduu,
- Ragaafi Atteendaassii barattoota kilaastara isaatti qoramanii dursee argachuu qaba.
- Raawwachiistota qormaataa qormaataa hin kabajne dhaabsisuu/ittisuu/, kilaastara keessaa ariuu hanga seeraaf dhiheessuutti tarkaanfii fudhachuu ni danda'a.
- Dura bu'ootni manneen barnootaa, barsiisotaafi namni kamiiyyuu (kan dhimmi hin ilaallanne) gara kilaastara qormaataatti akka hin dhihaanne qaama nageenyaa waliin ni hojjata.
- Raawwachiistotni xalayaan ramadamuu isaanii ni mirkaneeffata, baajii mormaas ni hojjachiisa,
- Waraqaan qormaataa kutaa qulqulluufi nageenyaaf mijatu keessa teessisuun sa'aatii 24 akka eegamu taasisuu,
- Bilbila harkaa fayyadamuu ni danda'a.

:-
- Itti waamamni isaa/ishee qindeessaa kilaastara qormaataaf yoo ta'u gaheen hojiis:
- Ragaa bartootaa M/B itti ramadamee(warqaa deebii, poostaa warqaa deebii, odeeffannoo poostaafı warqaa deebii irratti guuttamuu, atteendaansii qorataamtootaa fi k.k.f) qulqullinnaan guuttamuu ni mirkaneessaa...

Photos from East Shewa Education's post 13/06/2026


Waxabajjii 06,2018 [Adaamaa]

Waajjira Barnootaa Godina Shawaa Bahaa Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa hundaa keessatti Orreentashiniin kenninsa qorumsa Naannoo Kutaa 6ffaafi 8ffaa raawwachistootaafi raawwattoota qorumsaa (Ittigaafatamtoota Buufata Qorumsaa, Supparvaayizaroota qorumsaafi qortoota qorumsaa akkasumas qaama nageenya eegsisuu)hundaaf kennamee jira!!

Photos from East Shewa Education's post 11/06/2026



Waxabajjii 04, 2018 [Adaamaa]

Godina Shawaa Bahaa Bulchiinsa Magaalaa Mataaharaatti Barattoota qophii Qorumsa Biyyoolessaa bara 2018 taasisaa jiran cimsuuf Daree Barnootaatti tiitooriyaaliin kennama jiraachuu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Mataaharaa obbo Addisuu Waaqoo fi Itti Aanaa Waajjira Barnootaa Godina Shawaa Bahaa obbo Godaanaa Nadhii hubatame.

Barattootni Qormaata Biyyoolessaa xumura kutaa 12ffaatiif qophii Baruu Barsiisuu haragalfii malee kennamaa jiru milkaa'innaaf daandii kan mijeessuudha.

Barattoonni tekonoolojii qophaa'een hubannoo caalmaa akka qabaatanii fi akka of qopheessan hirdoffiin cimee itti fufeera.

Want your school to be the top-listed School/college in Adama?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address

Barnoota Godina Shawaa Bahaa
Adama