Minister Melka Alemu

Minister Melka Alemu

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Minister Melka Alemu, Tutor/Teacher, Addis Ababa.

✍️My vision=preaching Christ Jesus
✍️My Work=Christ's corporation
✍️Yesus= daldala koo guyyuu guyyuuti.!!!
✍️Yesus=karaa + Dhugaa + jireenya kooti
✍️Yesus=waaq_nama(God_man)
✍️Yesus:Taabota kooti,angafa lubootaa kooti,beekamtii kooti,hundumaa kooti.

17/06/2026

M.qulqulluun quraana waggaa 600 Isa booda dhufeen hin ibsamu;garuu M.qulqulluun akka quraanni soba ta'e nutti himeera(gal 1:8)

17/06/2026

50 + 50 = 100 HIN TA’U

Ykn👇

Seera ida’uu Ayyaanaa
Tasumaa bu’aan isaa jireenya bara baraa hin ta’u!
50 + 50 = 100 hin ta’u!
Seera fi Ayyaana waliin makuu
Rakkina seeraa fi ayyaana waliin makuu keessa jiru Rakkina gurguddaa lamatu jira!
Isaaniis:-
~1. Inni jalqabaa jireenya bara baraa dhabuu yoo ta’u,
~2. Lammaffaan immoo dadhabbii haara galfii ykn bu’aa hin qabne dadhabaa jiraachuudha.
Macaafa Qulqulluu keenya gaafa ilaallu keessumattuu warri galaatiyaa waliin makuudhan beekkamu, xinnoo seera irraa, gar tokkoo isaa immoo ayyaana irraa fudhatu, sirni isaan ittiin wal bulchan kunis Galaatiyaaniizim jedhama” kanaaf yeroo Ergamaan Phaawuloos warroota Galaatiyaatiin wallaalota warra Galaatiyaa jedhaan!

Mee ilaalcha mucaan Waaqayyoo Phaawuloos amantoota warra Qorontoosii fi warra Galaatiyaatiif qabu akkasumas garaa gaarummaa dogongora jarreen lamaan gidduu jiruu gabaabsinee haa ilaallu:-
👉Warri Qorontoos amala dogongoraa qabu.
👉Warri Galaatiyaa immoo barsiisa dogongoraa qabu.
baay’een Phaawuloos irra caalatti amantoota Qorontoos keessa jiranitti akka gaddu eegu, inni garuu amala dogongoraa isaaniitti hin gaddine, kana jechuun garuu amala dogongoraa isaaniitti walii gale
jechuu miti!
50 + 50 = 100 hin ta’u!
kan ta’eefis barsiisa dogongoraa amanuun
amala dogongoraa agarsiisuu caalaa gadhee akka ta’e waan hubateef!
Kana jechuun warri Qorontoos amala dogongoraa yoo qabaatan iyyuu
barsiisa dogongoraa hin qaban, warri Galaatiyaa garuu amala dogongoraa caalaa barsiisa dogongoraa qabu jechuudha!
Gabaabumatti amala dogongoraa caalaa barsiifni dogongoraa hammaataa akka
ta’e Ergamaan Phaawuloos nu barsiisa!

barsiisa dogongoraa qaban warra galaatiyaatiin garmalee aarudhaan akkas jedhaan:-
[Gal 3:1 & 3]
👉 Isin yaa warra wallaalota Galaatiyaa
👉Eenyutu qoricha isinitti godhe
👉Attam akkas wallaalota taatu?
Warri Galaatiyaa garuu Ayyaanichatti Seera waan dabalaniif gadi fageenyaan isaan ifata, abaarsa dachaas isaan abaare! [Gal 1:6-9]
Sababni guddaan isaan ifatamanii fi abaaramaniifis:-
1. Ariifatanii gara wangeela kan biraa ykn seeratti naanna’an
2. Namoota isaan wallaalchisanii wangeela Kiristoos gara galchuudhaf yaalii godhan wajjiin hariiroo uuman.
3. Gabaabumatti seera fi ayyaana waliin makuudhaf yaalii gochuu isaaniti.
50 + 50 = 100 hin ta’u!
Lakkoofsa 8 fi 9 irratti immoo akkas jechuudhan abaara:-
“… ani yookiis ergamaan waaqa irraa tokko wangeela isa nuyi kanaan dura isinitti himnetti kan gargar ba’e yoo isinitti hime
abaaramaa haa ta’u! akkuma ani kanaan dura dubbadhe ammas immoo keessa deebi’ee nan dubbadha; eenyu illee wangeela
isa isin fudhatanitti kan gargar ba’e yoo isinitti hime abaaramaa haa ta’u”

wangeela makaa kana lallabaniifis fudhataniif Phaawuloos laphee ulfaataa qaba ture, kanaaf abaarsa dachaa isaan abaare, lapheen ulfaataan Phaawuloos
inni kaleessaa har’a immoo laphee Waaqayyoo bakka bu’a!
Barsiifni warra Galaatiyaa kun barsiisa gadhee Waaqayyo irraa illee gargar nama baasudha. Dhimmi Ayyaana fi Seera waliin makuu kun
jireenya nama dhabsiisa waan ta’eef dhimma akka salphaatti ilaalamu miti!

amala dogongoraa qaban warra qorontoosiin immoo Ergamaan Phaawuloos maal jedhe?
[1Qor 1:4 fi 8-9]
Akka warra Galaatiyaa isin wallaalotaa fi warra dhugaan isiniif hin galin hin jedhamne! Garuu jaalalaan akkas jedhaan:-
“Ayyaanni Waaqayyoo Kiristoos Yesuusiin waan
isinii kennameef ani yeroo hundumaa sababii keessaniif Waaqayyoo koo nan galatteeffadha” [Lakk. 4]

50 + 50 = 100 hin ta’u!

ayyaana Waaqayyoo isa isaaniif kennameefi baay’ateef jecha Waaqayyoon
galateeffata. Amala dogongoraa isaanii kan isaaniif dhokseef immoo ayyaana Waaqayyoo isa olirraa isaaniif kenname kanaadha!
Lammaffaas lakkoofsa 8 -9 irratti immoo akkas jedhaan:-
“Lammaffaa muldhachuu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos eeggachaa utuu jirtanii, kennaa hafuuraa keessaa tokko illee akka isinitti hin hir’anne, Guyyicha gooftaa keenya Yesuus Kiristoos sanaatti akka isin warra yakka hin qabne taataniif ,gooftichi hamma dhuma barichaatti isin in cimsa” jedha.
Kuni dhugaa dinqiidha!
Kana jechuun yoo hammam amala dogongoraa qabaatan iyyuu ayyaana Waaqayyoo isa isaan fayyisee fi Waaqayyoon duratti fudhatama argachiise sana gatii hin dhabsiifne ykn hin ganne!

Badiiwwan Qorontoos keessatti raaw’ataman akkuma fakkeenyaatti utuu fudhannee:-
1- Cubbuuwwan gosa hundumaa keessatti hirmaatanii jiru
2-Qocolloo, inaaffaa fi gomii keessa turan
3-Kun isaanii ejjanii mana qulqullummaa dhaqu
4-Amantoonni mana murtii wal geessanis jiru
5-Namoonni kennaa hafuuraa akka malee itti gargaaramanis jiru
6-Jeequmsi guddaanis waldattii keessatti ka’eera
50 + 50 = 100 hin ta’u!
Warri Qorontoos dadhabbii heddu yoo qabaatan iyyuu akka warra galaatiyaa tasumaa wallaalota hin jedhamne, wallaalota kan jedhaman warroota seeraa fi ayyaana waliin laaqaniidha!

Ayyaana fi Seera walitti makuun wangeela Kiristoos dabsuudha!
Namni har’a Waaqayyoon kan gammachiisu hojii isaatiin utuu hin ta’in, hojii Kiristoos Yesuus fannoo irratti isaaf hojjete sana amanuudhan qofa!

Tasumaa Ayyaana Seeraa wajjiin wal
madaalchisuu hin dandeenyu, qixa
ayyaanaas seeraaf iddoo laachuu hin
qabnu!
Sababni isaas, seerri ofii isaa karaa namni qajeelaa ittiin ta’u Kiristoos
Yesuusiin agarsiisudhaaf kenname malee ofii isaa qajeelaa nama hin godhu waan ta’eef. [Rome 3:21]
Namootni seeraa fi ayyaana wal madaalchisuu jedhanii yoo waaman iyyuu Waaqayyo garuu wal makuu jedhee waamani!
Wal makuu jechuun immoo karaa biraatiin, ykn akka dhugaa wangeelaatti wanta waliin hin adeemne lamaan waliin adeemsisuudhaf yaalii gochuu jechuudha.Ykn Bishaani fi zayita wal fudhachiisudhaaf yaalii gochuu jechuudha.
50 + 50 = 100 hin ta’u!
yaada macaafa qulqulluutti galuu akka qabnuuf qaamonni gara garaa maal dubbatan?
1. Kiristoos maal dubbate?
Dhiibbaa walitti makuun qabu immoo Kiristoos ofii isaatii akkasitti lafa kaa’eera:-
“Akkasuma immoo daadhii waynii haaraa
qodaa bososaatti hin naqan; kana yoo godhan,
daadhichi qodicha hin dhoosa, daadhichis qodichis in badu; egaa daadhii waynii haaraa qodaa jabaatti naqu” isaaniin jedhe [mar 2:22]
Kuni gabaabumatti wal makuu kakuuwwan lamaanii agarsiisa!
👉Daadhii waynii haaraan ayyaana kakuu haaraa bakka bu’a.
👉Qodaa bososaan ykn meeshichi moofaan immoo seera kakuu moofaa bakka bu’a!
Tokkotti goruun gaaridha:-
👉Seeratti ykn Ayyaanatti [Gal 3:24-25]
👉Hojii keenyatti ykn Amantiitti [Efe 2:8-9, Gal 2:16]
👉Diilallaa’aa ykn Bulluqaa ta’uutti [mul 3:15-16]
Lamaan keessaa tokko malee lamaanuu
miti! Namni gidduu deemu, lamaanuu dhaba!
50 + 50 = 100 hin ta’u!
2. Waaqayyo maal dubbate?
“… yommuus duumessi dhufee hunduma isaanii itti uffise;sagaleenis dubbatee, “Kun ilmakoo isa ani jaaladhu, isa dhaga’aa … !” jedhe [Mar 9:2-8]

Musee fi Eeliyaas Kiristoos faana maal dubbachaa turan?
Musee fi Eeliyaas ulfinaan muldhataniiru, Akka seenaan macaafa Luuqaas nutti himutti [Luq 9:30-31] Kiristoos faana dudubachaa kan
turan:-
👉Waa’ee du’iisa isaa,
👉Waa’ee du’aa ka’uu isaa
👉Akkasumas waa’ee gara samiitti ol butamuu isaati!
Kutaa kana irratti Waaqayyo maal dubbate?
Pheexiroos sodaa guddaa irraa kan ka’e waan dubbatu wallaaludhaan,jarreen sadanuu, jechuun Kiristoos, Musee fi Eeliyaas waluma qixa yommuu inni dhaga’uu fi simachuudhaf iddoo kennuuf argina, sagaleen tokko garuu waaqa keessaa akkas jedha, “Kun ilmakoo isa ani jaaladhu, isa dhaga’aa … !” jedhe [Mar 9:7] kana jechuun Namni kamiiyyuu yaada fi jaalala isaa beekudhaaf ykn adda baafachuudhaaf waan Kiristoos Yesuus dubbatu qofa dhaga’uu akka qabuudha,Waaqayyoo abbaan kan dubbate.
50 + 50 = 100 hin ta’u!

3. Raajonnii fi seerri immoo maal dubbatan ykn waa’ee eenyuu dhugaa ba’an?
“Amma garuu karaa seerichaa utuu hin ta’in, karaan namni ittiin qajeelaa ta’u Waaqayyo biraa muldhateera; seerri fi raajonni karaa kanaaf dhugaa ba’aniiru …”
[Rom 3:21-24]
nuti isa Waaqayyoo abbaan, Kiristoos,
raajonnii fi seerri dhugaa ba’aniif, ayyaana fi
kakuu haaraa kana dhiifnee akkamitti raajotaa fi
seera lallabna!

NAMA JAALATTAN TOKKOOF SHARE GOCHUU HIN DAGATINAA!
By Pr. Miliyoon Shifarraaw L. B. 09 40 50 77 66 10

16/06/2026

Hafuurri qulqulluun waaqayyoodha;uumaadha akkasumas gooftaadha;galanni isaaf haa ta’u ❤️

16/06/2026

Kitaabota Hafuuraa waaqayyo na gargaaree barreesse;kan dhoksaawwan gadi fagoo of keessaa qaban isiniif qabadhee dhufaan Jira💪

15/06/2026

Seexanni iyyuu yesus ilma waaqayyoo akka ta'e dhugaa ba'eera(mar 5:7), amantaan kana mormu seexanni isarra wayya🤷

15/06/2026

🤝 CHRISTOLOGY(THEOLOGY OF CHRIST)👏

✍️Eenyummaa Yesus kristoos(Person of Christ)

✅............Hubannaan dubbisaa....👇

biyya lafaa kana seerratan keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; utuu hubataniiru ta’ee Gooftaa
fayyinaa hin fannisan turan (1Qor 2:8)

✅ BOQONNAA 1"FFAA
✍️Maqootaa fi Muudama(Maa’iragoota)(titles) Yesuus Kiristoos👇

🤝1"FFAA:-Yesuus: -Jecha Girikii yeroo ta’u, hiikni isaas fayyisaa jechuudha. Afaan Ibrayisxiitiin “Yeshuwah” hiikni isaas Yaahiwween fayyisaadha yookiin Waaqayyo fayyisaadha jechuudha.

🤝2"FFAA:_Kiristoos: -Jecha Giriikii yoo ta'u,afaan Ibrootaan Masihii jechuu yoo ta'u,Hiikni isaa ammoo Kan dibame, Kan filame jechuudha.
✓Kunis kaayyoo fi hojii isaa hundumaa galmaan ga’uuf aboo (aangoo) qabaachuu isaa maqaa ibsu dha. Kiristoos maqummaa isaa irra maa’iraga(muudama) fi aboo isaa kan agarsiisu dha (Mat 16:16, HoE2:36)

🤝3"FFAA:_Amaanu’eel:-Jecha Ibrootaa yoo ta'u, hiikkaan isaa Waaqayyo nu waliin Jira ykn Waaqayyo fooniin mul’achuu isaa fi uummaticha keessa jiraachaa akka ture kan agarsiisu dha (Isa 7:14, Mat 1:23).

🤝4"FFAA:_Ilma Waaqayyoo: -Ilma amala Waaqayyoo kan bara baraa, jechuunis Waaqa guutuu ta’uu isaa kan agarsiisu dha (Mat 16:16, Yoh 1:23)

🤝5"FFAA:_Ilma namaa:-Fooniin mul’achuu isaa, foonii fi dhiiga nu waliin kan hirateefi nama guutuu ta’uu isaa moggaasa agarsiisu dha (Mar 10:45, Mat 26:64)

🤝6"FFAA:_Gooftaa: -Jecha Girikii kan “Kuuriyoos” jedhurraa kan dhufe yoo ta'u,hiikni isaas,” kan jiruu fi kan ture” jechuu dha.
Kunis maqaa “Yaahiwwee” yeroo ta’u, Macaafa Qulqulluu Afaan Girikii keessatti uumaa fi uumama isaa mara kan jiraachisu maqaa Waaqaati (Yoh 13:13, HoE2:36)

🤝7"FFAA:_(Rabbii ykn Barsiisaa): -Saba isaa Israa’elii fi akkasumas ormoota hundumaa akka barsisiisuuf kan Waaqayyo biraa ergame; barsiisaa ta’uu isaa kan agarsiisudha (Yoh3:2, Luq 229-32, Yoh13:13)Mootii: -Teessoo Daawwit irra kan taa’u, mana Yaaqoob hundumaa irratti, Yerusaalem
Magaalaa mooticha isa guddaa irratti mo’uuf aboo qabaachuu isaa maqaa agarsiisu dha.
(Mootummaa waggaa kumaa qayyabadhu) (Mat 2:1-11, 27:37)

🤝8"FFAA:_Ilma Daawwit: -Waaqayyo Daawwitiif teessoo isaa irra bara baraan ilma taa’u akka kaasuuf abdii kenneeraaf; kanaaf Yihuudonni hunduu abdii kan godhataniifi mootii isaaniis ta’uu isaa maqaa ibsu dha (Far 89:28-39, Mat 1:1, Mar 10:48)

✍️Maqoota kanneen biraa
✓Bakkalcha barii------------Lak 24:17,Mul 22:16
✓Raajii isa guddaa----------------Kes 18:18, Mat 21:11
✓Dhagaa mataa golee----------------Efe 2:20
✓Kattaa---------------------Mat 16:16-18, 1Qor 10:4
✓Sagalee------------------------------------Yoh 1:1,14, 1Yoh 1:1, Mul 19:13

✅ 2.BOQONNAA 2"FFAA 👇
🤏Eenyummaa Kiristoos (The Person of Christ)
✍️Yesuus Kiristoos Eenyudhaa?
✓“Yesuus Kiristoos Waaqa guutuu, Nama guutuu qaama tokko keessatti, ammas, akkuma kana gara fuula duraattis bara baraan akkuma kanatti ni jiraata”.🤷

DURAA(A)👇
👉(A)WAAQAYYO GUUTUU TA'UU YESUS KRISTOOS👇
waa’ee waaqummaan isaa foon wajjin qaama tokko keessa buluu isaa,foon uffachuu (incarnation)jedhama.

:_Inkarneeshin(incarnation)jechuun dhoksaa hojii waaqaa kan ta’e “Waaqni foon uffachuun qaama tokko ta’uu” isaa kan ibsu dha.
✓Kanaafis Kiristoos nama guutuu qofa utuu hin ta’iin akkasumas Waaqa guutuudha.
✍️Ragoolee👇
👉(i)Maqoota Inni Ittiin Waamame Kanneen Tuqaman

🤏(a)Waaqayyo(Theos) (Yoh 1:1-3)
✓Jechi Kun guutummaatti eenyummaa waaqa ta'e qofaaf kan itti gargaaramnu yoo ta'u,kutaalee Macaafa Qulqulluu kanatti aananii tuqaman keessatti “Tewos” kan isaan heeramaniif(caqasamaniif) eenyummaa Waaqummaa Yesuus Kiristoos ibsuufidha (Yoh 1:1,20:28, Rom 9:5, Tit 2:13, Ibr 1:8, 2Phex1:1)

✍️Kutaaleen Macaafa Kakuu Moofaas Yesuus Kiristoos Waaqata’uu isaa sirriitti ibsaniiru💁
✓(Isa9:6, Far 110:1, 45:6, 102:2)

🤏b.Gooftaa (Kyrios)
✓Bara Kiristoositti jechi kun Macaafa Qulqulluu ogeessota torbaatamaan Afaan Girikii keessatti kan itti fayyadaman maqaa Waaqaa kan Ibraayisxiidhaan “Yaahiwwee yookiin Jehovaah” jedhuufidha.

✓Kiriyoos Macaafa Kakuu Moofaa Afaan Girikii keessatti “Waaqayyo Gooftaa”moggaasa
jedhu bakka bu’uun yeroo (si’a) 6814) barreeffameera. Akkasuma Kiriyoos maqaaGooftaa Yesuus ittiin waamamu dha. Sababa kanaatiifis dubbisaan Girikii tokko“Gooftaa” Yesuus jecha jedhu kan inni hubatu “Uumaa waan hundumaa, uumamaisaakan nyaachisuu fi kan isaan bulchu” jedheeti (Luq 2:11, Mat 3:3, Isa 40:3, Mat 22:44,1Qor 8:6, 12:3)

🤏c.Jechootaa fi Moggaasolee Yesuus Ofii Isaatii Itti Fayyadame
✓Abrahaam utuu hin dhalatiin “Ani jira” “I am” (Yoh 8:58)
👉Barsiisonni Yihuudotaa ‘Ana’ kan jedhu kan isaan wal qabsiisan Ba’u 3:14 irratti maqaa caqasame“I AM WHO I AM” kan jedhuu wajjin waan ta’eef dhahuudhaaf dhagaa kaasan
(Yoh 8:59)
✓Ani alfaa ,omeegaadha(mul' 22:13)

🤝Jalqabaa fi dhuma moggaasi jedhu eenyummaa waaqummaa kan ibsu yeroo ta’u KakuuMoofaa keessatti kan tuqameWaaqayyoofidha.👇
👉Ilma Waaqayyoo
✓Ilma amala Waaqayyoo kan ta’ee fi ofii isaa Waaqayyo kan ta’e jechuu dha (Mat 11:25-30,
17:5, 1Qor 15:28, Ibr 1:1-3, 5, 8. Abbaan kan hojjetu hundumaa ilmis ni hojjeta (Yoh5:20-22, 25, 16:15)

🤏(d)Yesuus/Amaanu’eel
✓Ibraayisxiidhaan “Yehoshuah” kun maqaa Waaqayyoo yeroo ta’u; Yehooshuah jechuun
Waaqayyo fayyisaa (daawaa)dha jechuudha.

✍️Akkaasumas;Amanu-el:_El-Waaqa jechuudha.kanaafuu “Waaqayyo nu wajjin” akka jechuu waan ta’eef inni “ Waaqayyo Waaqa”dha

✅ BOQONNAA 3"FFAA
👉 AMALOOTA WAAQUMMAA YESUS (DIVINE ESSENCES)
✓Amaloota waaqummaa jechuun, amaloota Waaqni qofti qabaachuu danda’u garuu uumamni kamiyyuu qabaachuu kan hin dandeenye amalootaa fi eenyummeessaa Waaqaa kan calaqqisiisani dha.

✓1"ffaaa_Battala tokkotti Hundumaa gochuu ni danda’a (omnipotent)
👉Dhahaa bishaanii sagalee isaatiin abbooma (Mat 8:26-27)
👉Buddeenaa fi qurxummii baay’iseera (Mat 14:19)
👉Bishaan gara daadhii Wayiniitti jijjiireera(Yoh 2:1-11)
✓2"ffaa_Kan bara baraan jiraatu dha (ethernity) (Yoh 8:58, Mul 22:13)

✓3"ffaa_Battala tokkotti Hundumaa beeka (Omniscience)
👉Yaada nomootaa (Mar 2:8), Kan dabarsee isa kennu (Yoh 6:64, Yoh 2:25, 16:30)

✓4"ffaa:_Battala(Yeroo tokkotti)bakka hundumaatti ni argama (omnipresence)
👉 (Mat 18:20, 28:20)

✓5"ffaa:_Aboo (taayitaa) hundumaa olta’e qaba(sovereignity)Cubbuu dhiisuu
👉Mar2:5-7,Waaqayyo akkas isiniin jedha kan jedhu utuu hin ta’iin “Ani garuu isiniinan jedha” jedha(Mat 5:22, 28, 32, 34, 39, 44)

✓6"ffaa:_ Waaqeffannaa ni fudhata ture
Ergamoota irraa(Ibr 1:6 Mul 5:6-19),Namoota irraa (Yoh9:38), Jilba hundumaa irraa(Fil 2:9-11).Walumaagalatti Yesuus Kiristoos guutummaan Waaqummaa kan ittiin mul’ateedha (Qol1:19, 2:9)

✓7"ffaa:_uumaadha(creator)
👉Guyyoota bara isa dhumaa kanatti immoo ilma isaatiin nutti dubbate; Waaqayyo ilma isaa kanaan waaqaa fi lafa uume; waan hundumaas harka isaatti kennuuf isa dhaabe.”
— Ibr. 1:2
👉Yoh. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture.
² Inni kun jalqabumaa jalqabee Waaqayyo bira ture.
³ Wanti hundinuus isumaan ta'e; waan ta'e keessaas isa malee kan ta'e tokko illee hin jiru.
⁴ Jireenyi isa keessa ture; jireenyichis ifa namootaa ture.
👉Filiphi 2:6

✅ BOQONNAA 4"FFAA:_Barbaachisummaa Waaqa Guutuu Ta’uu Yesuus Kiristoos
✓{a}.Firdii yookiin murtii warra isatti amananii baachuuf yookiinballeessuu kan danda’u eenyummaa Waaqa guutuu ta’e qofa waan ta’eef.
✓{b}.Fayyinni Waaqayyo biraa qofa waan ta’eef(Yoh.2:10)
✓{c}Waaqaafi Namoota gidduutti giddu galeessa ta’uu kan danda’u Waaqa guutuu fi nama guutuu yoo ta’e qofa waan ta’eef (1Xim. 2:5)

✍️Kanaafuu Yesuus Kiristoos Waaqa guutuu utuu ta’uu baatee fayyinnas ta’e Kiristaanummaan gongumaahin jiraatu.“Ilma kan ganu hundinuu Abbaa hin qabu”(1Yoh.2:23)
👉Barsiisa Kiristoositti kan hin jiraanne Waaqa hin qabu (1Yoh.2:23)
👉Akka barsiisa Kiristoositti kan hin jiraanne Waaqa hin qabu (2Yoh:9)

...5"ffaa_Waayee namummaa yesus itti fufinsaan ilaalla.........................

.................Qabsoon wangeela
..............Duulli macaafa qulqulluu barachuu..... itti fufa♥️

14/06/2026

Amantaan islaamummaa fakkii addunyaa warra waaqayyo irratti faraduuf kaa’ee jiru ibsuuf tajaajilaa jirudha 🤷🏻‍♂️

14/06/2026

‎ WAAYEE LISSAANAA AS JALAA DUBBISIKAA👇

'INSA_NAMOOTAA


🫸🫷
‎✔️HUB:_Dhaloota abalu maal jedhe; paastar abaluun,raajii abaluun maal jedhe jedhu utuu hin taane macaafni qulqulluun maal jedhe jedhu oomishuuf qo'annaa macaafa qulqulluu keenya gadi fageenyaan itti haa fufnu💪

‎📌“Wanti hundinuu garuu akka tolutti sabiriidhaanis hojjetamuutu irra jira.”
‎ — 1Qor. 14:40
‎ wanti_hunduu tartiibaa_fi_sirnaan_haa raawwatamu.

( hin beekamneen_Dubbachuun)

‎✍️ Afaan hin beekamne(lissaana) jechuun afaan jechuu yoo ta'u, kennaa ayyaanaa ta’ee kan Hafuurri Qulqulluun qulqullootaaf kennu keessaa isa tokko ta'ee kan hafuurichumti akka fedhetti/jaallatetti qooduun ykn hirudhaan faayidaaf bu'aa qaama Kiristoosiif (waldaadhaaf) kan kennudha.
‎✍️ Kennaa ayyaanaati yeroo jennu Amanaan kamiyyuu yeroo Kennaa kana fudhatu kennaa waaqayyoo kana Akka tolaaf jaalala hafuuricha Isa isaaf kennuutti malee ogummaa fi shaakala ogummaa,dandeettii fi jaalala Mataa isaa kamiinuu argachuu akka hin dandeenye Hafuurri qulqulluun dhugaa nuuf ba'a.
‎✍️ Kennaan ayyaanaa (bilisaa) kamiyyuu faayidaaf bu'aa qaama Kiristoosiif (waldaadhaaf malee) faayidaa dhuunfaaf akka hin taane hubachuu qabna.
‎✍️ Afaan hin beekamneen dubbachuun kennaa Hafuura Qulqulluu hedduu keessaa isa tokko yoo ta'u, dandeettii,ogummaa fi shaakala namaatiin kan hin dhufnee fi afaan amantoonni dhaga'an kan hin taanee fi kan Hafuurri qulqulluun afaan biraatiif karaa nama kennaa Sana fudhateetiin waldaa kristaanaa cimsuu fi qulqulloota ijaaruuf dubbatudha.

✍️ILAALCHAAWWAN TIYOOLOOJII AFAAN HIN BEEKAMNEEN DUBBACHUU IRRATTI JIRU:👇
🤌1):-Ti'ooloojii sisheeshinistii(Cessationist Theology),warri kun warra kennaan raajii dubbachuu,afaan hin beekamneen dubbachuus) bara ergamootaa booda akka dhaabbate amananidha.
1 qor 13:8-10, 2 Qor 12:12
✍️Deeggertoota siiseeshinistii
👉1-John MacArthur: Konfiraansii fi kitaaba "Strange Fire" bara 2013 jedhu irratti;afaan ammayyaa ykn afaan hin beekamneen yeroo amma bu’uura macaafa qulqulluu akka hin taane ibsuun beekama.
👉2-B. Warfield: Hayyuun ti’ooloojii jaarraa 19ffaa kan kennaan ayyaanaa afaan hin beekamneen dubbachuu dhaabateera jedhee amana.

👉3-Richard Gaffin: Hayyuu ti’ooloojii haaromfame kennaan ayyaana afaan hin beekamneen dubbachuu bara ergamootaa dhaabbate jedha.

👉4-Daani'eel B. Wallace: Akka "concentric cessationist" ta'uu isaatti, kennaan ayyaana raajiif lissaana dubbachuu waldoota bu’uuraa ergamootaa keessatti akka dhaabbate amanuudhaan dubbata.

👉5-joon Kaalviin fi maartiin luutaris;kennaan ayyaana raajii dubbachuuf lissaanaa hanga xumura bara ergamootaa qofatti tajaajilaa ture jedhanii amanu;
~Leelliftoonni seeshinistii biroo: J.I. Paakar, Jeeraald Biraay, Noormaan Geeslar, Vern Poythress,arogan,John kristos,c.I.scofield.

🤌2)-Tiyooloojii kontineeshinistii (Continuationist theology) afaan hin beekamneen dubbachuun Itti Fufiinsa:Warra kennaan ayyaanaa akka raajii dubbachuu,afaan hin beekamneen dubbachuun,dinqiif taammiraatiinis bara erganootaa boodayyuu itti fufeera jedhanii amanan,bara keenya kanas jira warra jedhaniidha.1 qor 1:7, Hojii Ergamootaa 2
✍️Deeggertoota kontineeshinstii
~Wayne Grudem,,Joon Piiper
Saam Storms,,Kiraayg Keener,,Gordon Fee

🤌3):-pheenxekoostaalota;Pheenxeqoosxee warra namni tokko yesusitti amanee yeroo hafuura qulqulluudhaan cuuphamu kennaa lissaana ykn afaan hin beekamneen dubbachuu fudhachuu qaba jedhanidha.
Hojii Ergamootaa 2, 10, 19
👉warri pheenxeqoostee kun warra kennaa lissaana dubbachuu akka dirqamaatti ilaalanii fi hafuura qulqulluu waliin wal bira qabanidha,warra lissaana irratti qoosuun hafuura qulqulluu irratti qoosuudha jedhanii yaadanidha… kun garee warra har’a waldaa amantoota pirotestaantii itoophiyaa keessatti amanaan hundumtuu afaan hin beekamneen dubbachuu qaba jedhanii amantoota burjaajessaniidha… kun warra afaanota haaraa keessaniin dubbadhaa jedhanii humnaaf dirqamaan amantoota kakaasanii gara shaakala dogoggoraatti galchaniidha.
~Chaarlis Fooks Paarham: Yeroo baay’ee akka hundeessaa barumsa "ragaa jalqabaa" jedhutti kan caqasamu yoo ta'u, kunis jalqaba jaarraa 20ffaa keessa sochii Pheenxeqoosxee kan eegaledha..
~Wiliyaam J. Seymour: Hogganaa Haaromsa Daandii Azusa bara 1906.

🤌4-warra Kaarizimaatikii:ilaalcha aangoo raajii kakuu haaraa fi macaafa qulqulluu waliin wal bira qabanii fudhachuu qabu;akkasumas kennaan akka lissaana dubbachuu faa sirriitti itti fufanii kan hojjanidha jechuun kan aangoo macaafa qulqulluu fi hafuura qulqulluu illee kan afaan hin beekamneen dubbachuu fi raajii dubbachuu wajjin warra wal qixxeessanidha.
-kaarismaatikoonni pheenxeeqoostoolii waliin kan wal fakkaatanii fi ilaalcha jaarraa 16’’ffaa dura turanii fi har’allee waldaa har’aa keessatti karaa dogoggoraan hojiirra oolaniidha.
1 qor 14:1-40 tti dubbisaa.
~ Sochii Kaarizimaatikii (1960-Amma):
Isaan kun leelliftoota akka waliigalaatti waldoota aadaa dhaabbata amantaa duriirratti ilaalcha hundaa’e qaban(Episcopalian) yoo ta’an ilaalcha pheenxe qoosxee kan itti fufsiisaniif bu’uura macaafa qulqulluu hin qabnedha .

:-Ilaalcha Pheenxeqoosxee/Kaarizimaatikii: Xenolalia (afaan hin beekamneen dubbachuu) fi glossolalia (afaan kadhannaa samii, afaan ergamootaa ykn afaan sammuu hin qabne ykn hafuuraan qofa kadhatanitti amanamu) warra fudhataniidha.
👉 Ilaalcha Cessationist;Kennaan kennaan afaan hin beekamne dubbachuun Macaafa Qulqulluu xenoglossy (warra hin amanneef qofa kan dubbatamu ) qofaaf akka turee fi bara ergamootaa kan dhaabatee fi inni bara ergamootaa booda itti fufee fi bara kana jiru kennaa hafuura qulqulluu kan taanee fi bu’uura macaafa qulqulluu hin qabne ta’uu isaa warra amananiidha

‎ ⁉️
‎==========Barumsa armaan gadii kanan isiniif dhiyeessu akka nama yaada tiyooloojii isa 2’ffaa kontineeshinistiitti amanuutti 👇
‎✅1"ffaa:_ Yesus warri isatti amanan hundinuu mallattooleen (kennaan ayyaanaa) adda addaa akka isaan hordofu dubbateera.
‎📌 “Warra anatti amanan birattis milikkitoonni kun in argamu; warri anatti amanan kun maqaa kootiin hafuurota hamoota in baasu, afaanota haaraadhaanis in dubbatu.”
‎ — Mar. 16:17
‎🤔Dubbisaan macaafa qulqulluu kan beekuu qabu,mallattoon (kennaan ayyaanaa) kan qulqulloota hordofu/duukaa bu'ee adeemu malee isaan kan dursu akka hin taane hubachuu qaba…. jechuun namni tokko erga yesusitti amanee fayyee hafuura qulqulluu argatee booda kan hafuurri qulqulluu akka jaallatetti isaaf kennudha malee afaan haaraa dubbachaa waan yesusitti amanu miti.


‎✅2"ffaa:_Afaan garaagaraa dubbachuu amantoota warra jalqabaa:_Hojii Ergamootaa 1:11-13. Hojii Ergamootaa 2:4-
‎✓“Yommus hundumti isaanii hafuura qulqulluudhaan guutaman; akka hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban.”
‎ — HoE. 2:4
‎HoE. 2
‎¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
‎⁵ Yihudoonni Waaqayyoon sodaatan Yerusaalem kan jiraatan, saba irra lafa hundumaa keessaa kan dhufan turan.
‎⁶ Jarreen kun hundinuu huursaa kana yommuu dhaga'an, iddoo kun ta'etti dacha'an; warri hafuura qulqulluudhaan guutaman kun afaan tokkon tokkon isaaniitiin akka dubbatan dhageenyaan, waan jedhan wallaalan.
‎⁷ Na'anii dinqifatanii, "Warri dubbachaa jiran kun hundinuu Galiilota miti moo?" jedhanii gaafatan.
‎⁸ Dabalaniis, "Tokkon tokkon keenya attamitti afaan itti dhalanneen isaan dhageenya?

‎¹¹ Nuyi Yihudoonni, amantii warra Yihudootaa kan fudhannes, nuyi warri Qareexisii fi Araboonni, isaan kun hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa afaan ofii keenyaan utuu jajanii in dhageenya" jedhan.
‎¹² Hundumti isaanii na'anii waan godhan wallaalanii, "Kun maal ta'uuf jedha?" jedhanii wal gaggaafatan.

✍️afaan hin beekamneen dubbachuun mallattoo warra hin amanneeti 👇
‎ 🔥Yihudoonni fi warri amantii yihudotaa fudhatanis biyyoota adda addaa irraa dhufanii ayyaana Pheenxeqosxee guyyaa 50"ffaa jedhamu kabajuuf walitti qabamanii, amantoonni gara 120 ta'an Hafuura Qulqulluun guutamanii hojiiwwan dinqii Waaqayyoo gurguddaa afaanota(tongues) adda addaa 16 ol ta'uun, biyya dhaloota isaanii fi keessa jiraatan keessatti dubbatan.... Ergaan isaayyas Raajichaa fiixaan haa ba'uuf ture:_
‎✔️Isa. 28
‎¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
‎¹¹ Waaqayyo si'achi sagalee giingeetiin, afaan ormaatiinis saba kanatti in dubbata;
‎¹² inni isaaniin, "Iddoon kun iddoo itti aara galfatan, warra dadhabaniif boqonnaa kennaa! Iddoon kun iddoo boqonnaa ti" in jedha; isaan garuu kana dhaga'uu hin barbaadne.
‎👆afaan hin beekamneen dubbachuun mallattoo ykn mulikkita warra hin amanneeti jechuun firdiin waaqayyoo saba israa’el warra waaqayyo irraa galagalaniif masihicha yesus simachuu didan irratti akka raawwatamuuf akka jiru ibsuuf kan 28:11/12 fi yoe 2:28-30 karaa gaaddidduutiin afaan raajotaan dursee kan dubbatame… isaa warra hin amanneefi akkasumas firdiin waaqayyo israa’eloota masihii ykn kristoos ganan irratti dhufuu isaa kan ibsuu barbaadeetu malee warra amananiif miti,kunis bara ergamoonni 12 fi bartoonni 120 ayyaana guyyaa 50’’ffaa pheenxee qoosxee jedhamu irratti afaan garaagaraa biyya lafaa kanaan dubbatan akka raawwatee darbedha malee har’a warra hin amanneef gadi ba’aatii afaan hin beekamne xexereersaa jechuu miti🤷🏻‍♂️
✍️ ²¹ Seera keessatti, "'Namoota afaan isaanii hin beekamneen, hidhii warra kaaniitiinis saba kanatti nan dubbadha; isaan garuu kana irratti iyyuu ana hin dhaggeeffatan' jedha gooftichi" kan jedhu caafameera. ²² Egaa afaan hin beekamneen dubbachuun milikkita warra hin amaniniif kennamee dha malee, warra amananiif kan kenname miti; waan Waaqayyo namatti mul'ise himuun garuu, warra amananiif yaadame malee, warra hin amaniniif miti.
_1 qor 14:21_22

✍️Warra amananiif garuu akka kennaatti kan kennamuuf kan hiikamuu qabudha.
‎👉👉 Qulqulluun akka fedheef jaallatetti Waldaa kristaanaaf akka kennaa garaagaraa raabsuuf hiru, yesuus karaa ergamaa Phaawuloos waldoota hundaaf qajeelfamaa fi dambii ittiin bulmaata yeroo kennu argina.
‎🫸🫷“isa kaaniif dinqii hojjechuutu, isa kaaniif raajii dubbachuutu, isa kaaniif hafuurota gargar baasee beekuutu, isa kaaniif afaan hin beekamneen dubbachuutu, isa kaaniif afaan hin beekamne sana hiikuutu kennameef!”
‎ — 1Qor. 12:10

‎✓1Qor. 14
‎¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
‎²⁷ Namni afaan hin beekamneen dubbatu yoo jiraate, lama yoo baay'ates sadii duwwaa tarreedhaan haa dubbatan; namni tokko immoo isa dubbatame hiikuun irra jira.
‎²⁸ Namni hiiku yoo jiraachuu dhaabaate garuu, in afaan hin beekamnee dubbatu sun, ofitti, Waaqayyottis haa dubbatu malee, waldaa keessatti hin dubbatin.
‎☝️☝️Kanaaf, bu'uura Dubbii wangeelaa fi qajeelfama macaafa qulqulluutiin namni afaan hin beekamne hiiku yoo jiraate warri dubbatan ammoo 2 ykn 3 ta'anii tarree galanii ykn toora tooraan haa dubbatan,inni hiiku ammoo hiikasaa amantootatti haa beeksisu jedha;erga Akkas ta'ee akkamittiinituu⁉️ tajaajilaan amantoota hundumaan lissaana keessaniin dubbadhaa!!! iyyaa jedhee akkamittiin iyyisiisa⁉️🤔
‎👉Hub:-Labsii Qajeelfama gooftaa waan ta'eef dirqama fudhatamuu qaba.

‎📌“Kanaafis namni afaan hin beekamneen dubbatu, isa dubbate sana hiikuu akka danda'uuf kadhachuutu isa irra jira.”
‎ — 1Qor. 14:13

‎📌“Sagaleen sun maal jechuu akka ta'e hin beeku yoon ta'e garuu, namicha afaan sana dubbatu biratti orma ta'uu koo ti; inni dubbatu sunis ana biratti orma ta'uu isaa ti.”
‎ — 1Qor. 14:11

‎📌“Kanaa achi yoo ati hafuuraan Waaqayyoon galateeffatte, waan ati jette erga hin beeknee, inni hiikaa dubbichaa hin hubanne attamitti galata ati dhi'eessite sanatti, "Ameen" jechuu danda'a ree?”
‎ — 1Qor. 14:16

‎📌“Egaa'oo yaa obboloota ko, yeroo walitti qabamtanitti isin keessaa tokko faarfannaa, tokko barsiisa, tokko mul'ata qaba; inni tokko waan afaan hin beekamneen dubbatu, inni kaanis hiikaa waan dubbatame sanaa qaba.Wanti isaan qaban kun hundinuu waldaa kristiyaanaa cimsuudhaaf haa ta'an!”
‎ — 1Qor. 14:26
‎✔️hub:_kennaan ayyaanaa kamiyyuu kan kennamuuf ittiin Saba goyyomsuuf,saamuuf,hatuuf,of mul'isuufi,fayidaaf bu'aa dhuunfaaf utuu hin taane,waldaa kristaanaa bu'aa dhagna kristoos ittiin cimsuuf kenname… afaan hin beekamneen dubbachuun amanaa dhuunfaa ittiin cimsuuf kan kennamedha;yoo namni hiike jiraatemmoo waldaa guutuu cimsuufis ni gargaara ❤️


‎✅QULQULLOONNI_KAN_OF_EEGGACHUU_QABAN:_
‎✓“Homtinuu of hin sossobin! Namni isin keessaa akka yaada biyya lafaa kanaatti ogeessa of se'u yoo jiraate, dhuguma ogeessa ta'uudhaaf, isa biyyi lafaa gowwaatti lakkaa'u ta'uutu isa irra jira.”
‎ — 1Qor. 3:18

‎❤️ .....
‎📌(1) lissaanni kennaa Hafuura Qulqulluuti malee Hafuura Qulqulluu miti.
‎📌2) lissaanni ykn afaan hin beekamne Hafuura qulqulluudhaan Malee namootaan (tajaajiltootaan) hin kennamu
‎📌3) Yoo afaan hin beekamneen hin dubbanne maal fayyiteree jechuudhaan tajaajilaan waltajjii gubbaa dhaabatee qulqulloota naasisuun ykn sodaachisuun dogoggora guddaadha.
‎📌4) lissaanni shaakalaan hin dhufu akkasumas hin amaleeffatamu.
‎📌5) Lissaanni nama(amantoota) hundumaaf hin kennamu.
‎📌6) Ani afaan ergamootaa qaba ykn afaan isaaniin Nan dubbadha jedhanii qulqulloota gowwoomsuun sirrii miti.
‎📌7)Hundi keenya afaan keenyaan ykn lissaana keenyaan daqiiqaa 10 dubbanna jechuun yaa'ii waaqayyoo ykn amantoota jeequun hafuurummaa miti ykn caaffata qulqulla'aas miti.
‎📌8) lissaanni Koo ykn afaan haaraan kiyya kan hiikkaa hin qabnedha jedhanii qulqulloota jeequu fi jechoota afaan haaraa hin taane irra deddeebi'uun jechuun amantoota jeequun hafuurummaa ykn macaafa qulqulluu miti.
‎📌“Waaqayyo ofii isaatii Waaqayyo nagaati malee, Waaqayyo sabirii hin qabne miti. Akkuma waldoota warra Waaqayyo of qulqullaa'an hundumaa keessatti ta'u,”
‎ — 1Qor. 14:33

‎📌 “Namni tokko, nama waan Waaqayyo isatti mul'ise himu yookiis nama kennaa hafuuraa argate yoo of se'e, wanti ani isiniif caafu kun abboommii isa kan gooftichaa ta'uu isaa haa beeku!”
‎ — 1Qor. 14:37

‎ ✅QOQQOODINSA_NAMOONNI_LISSAANAAF_KENNAN:_
‎✓1"ffaa:_lissaana ykn afaan hin beekamne Isa hiika qabu ✅
‎✓2"ffaa:_lissaana ykn afaan ergamoota waaqarraa i❌
‎✓3"ffaa:_Afaan ykn lissaana hiika hin qabne ykn namaaf hin hiikamne jedhu i❌
‎☝️Garuu qoodinsi Kun caaffata qulqulla'aadhaa⁉️ yoo jenne garuu miti❌

‎✍️Akka macaafni qulqulluun dubbatutti ;lissaanni ykn afaan haaraa kennaa Hafuura qulqulluu keessaa tokko ta'ee kan hiika qabudha;garuu afaanichi Hafuuruma qulqulluu kennaa afaanicha hiikuu namaaf kennuun kan hiikamudha jedha.
‎✓Lissaanni gonkumaa afaan ergamootaa miti,, gonkumaa kan hin hiikamnes miti kan hiika qabudha malee garuu hamma namni hiiku jiraatutti ykn kennaa ayyaana lissaana hiikutiin Amma namni hiika itti laatutti wan hiika hin qabne fakkaachuu danda'a.... ta'u malee bu'uura qajeelfama gooftaan karaa Phaawuloos kenneen walga'ii amantootaa gidduutti namni afaanicha dubbatu yoo namni hiiku jiraate malee hin dubbatiin kan jedhuun hojiirra ooluu qaba..... hiiku yoo jiraate Namoonni 2 yoo guddate ammoo 3 tooraan dubbachuu danda'u;kan hiiku yoo hin jiraanne garuu inni dubbatu ofii isaaf waaqayyotti haa dubbatu jedha macaafni qulqulluun.
‎✔️1Qor. 14
‎¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
‎²⁷ Namni afaan hin beekamneen dubbatu yoo jiraate, lama yoo baay'ates sadii duwwaa tarreedhaan haa dubbatan; namni tokko immoo isa dubbatame hiikuun irra jira.
‎²⁸ Namni hiiku yoo jiraachuu dhaabaate garuu, in afaan hin beekamnee dubbatu sun, ofitti, Waaqayyottis haa dubbatu malee, waldaa keessatti hin dubbatin.

‎✅ WARRA _QAJEELFAMA_KANA_HIN_FUDHANNE:_
‎✓Amantootas haa ta'an tajaajiltootas haa ta'an warra qajeelfama kana hin fudhanneen ammoo gooftaan akka armaan gadii kana jedhe:_
‎🫸Gooftaadhaan hin beekamu🫷
‎✅1 Qor. 14
‎¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
‎³⁷ Namni tokko, nama waan Waaqayyo isatti mul'ise himu yookiis nama kennaa hafuuraa argate yoo of se'e, wanti ani isiniif caafu kun abboommii isa kan gooftichaa ta'uu isaa haa beeku!
‎³⁸ Namni yoo kana beekee fudhachuu dhaabaate garuu, innis ofii isaatii hin beekamu.
‎☝️Egaa qajeelfama macaafa qulqulluu hojiirra oolchuudha malee;Ani paastariidha,Ani raajiidha,Ani abbaa mul'ataa waldaa ministiriiti,,Ani abiddan waaqarraa gadi harcaasa jechuun gonkumaa hin jiru;;waan waaqayyoon hojjannu nutti fakkaatee qajeelfama bulchiinsaaf ittiin bulmaata danbii Waaqayyoo yoo dhiisne garuu nuti goofticha tajaajilaa jirra jennuun iyyuu hin beekamnu jechuudha 👏

‎✅WANTOOTA_HUBATAMUU_QABU_3:_
‎✔️1"ffaa:_lissaanni waldaa keessaa Hafuura qulqulluu biraa ta'uu danda'a;Isa kana hiika isaa waliin fudhachuu qabna.
‎☝️Isa kana yoo namni hiiku yoo jiraate namni 2 ykn 3 tooraan akka dubbatuuf jajjabeessuu qabna ,yoo namni hiiku hin jiraanne ammoo akka hin dubbatamne dhaabsisuu qabna sababnisaa qajeelfama gooftaa cabsuun gooftaadhaan wallaalamuutti nama geessa waan ta'eef.

‎✔️2"ffaa:_lissaanni waldaa keessaa Inni lammaffaan ammoo lissaana foonii ykn shaakalaan dhufe ta'uu mala;Isa kana ammoo beekumsa macaafa qulqulluutiin adda baafanna.
‎☝️Isa kana gorsaaf beekumsa macaafa qulqulluutiin sirreessuuf dhaabsisuu qabna.

‎✔️3"ffaa:_lissaanni sadaffaan seexanni namoota utuu hin fayyiin jiran ykn amantoota afaanii kan Hafuura qulqulluu fi kennaa Hafuura qulqulluu hin fudhanneen lissaana Mataa isaatii amantoota gidduutti dubbachuuf qulqulloota burjaajessuu danda'a.
‎☝️Isa kana Hafuura qulqulluudhaan adda baafanna; namoota hidhaa Hafuura seexanaan hidhamanii ergaa seexanaa dabarsaa jiranis hafuuricha keessaa baasuun gara kennaa Hafuura qulqulluu fudhachuutti fiduu dandeenya.

………….itti fufa

‎✅ Hiriyoottan keessaniif share godhaa

‎✅ GALATOOMAA 🙏 🙏

‎✅ prepared by Minister Melka Alemu 👏

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Telephone

Address

Addis Ababa