Risala Tube

Risala Tube

Share

الإسلام ه‍و السلام

17/06/2026

Biqiltoota summii qaban keessaa tokko waan taheef qorichummas guddaa waan qabuuf itti fayyadama isaa ogeessan marihattan malee hin fayyadaminaa .

“Akkaataa itti fayyadama Biqiltuu Banjii (Asaangiraa)

Biqiltuun Asaangiraa (Banjii) faayidaa fayyaa hedduu qaba. Haala itti fayyadama isaa sirrii ta’een yoo fayyadamne qofa bu'aa irraa argachuu dandeenya.
Haalli itti fayyadama Biqiltuu tanaa akkuma dhibeetiin waldhaba.

1. Dhukkuboota Onnee, Kolestiroolii, Dhiibbaa Dhiigaa fi Sukkaaraa Hir’isuuf
Baala Biqiltuu tanaa cuunfanii miililitira kudhan (10ml) bishaan litira tookkootti makanii Mustakkaa giraama Shan itti dabalanii ganama garaa duwwatti walitti makamaa San irraa miililitira kudhan dhuguudha. akkasumas galgalas nyaata dura haaluma saniin fayyadamuudha hanga walitti makan sun dhumutti.

2. Dhukkuba Sombaa (Asmii, Daranyoo Sombaa, Utaalloo, Taayifoodii) Yaaluuf
firii biqiltuu kanaa daakanii sirritti bulleessanii giraama tokko Mustakkaa giraama Shan itti dabalanii Aanan kubbaayyaa tokkootiin danfisanii garaa duwwatti ganama fi galgala dhuguudha guyyaa shaniif.

3. Nama Sareen Maraatuun Ciniineef

Hundee (hidda) isaa tumamee cafaqamee bakka ciniinametti dibama.

Akkasumas
firii biqiltuu kanaa daakanii sirritti bulleessanii giraama tokko Mustakkaa giraama Shan itti dabalanii Aanan kubbaayyaa tokkootiin danfisanii garaa duwwatti ganama fi galgala dhuguudha guyyaa shaniif.

4. Rakkoo Hirriba Dhabuu fi Jeeqama Sammuu Fayyisuuf

firii biqiltuu kanaa daakanii sirritti bulleessanii giraama tokko Mustakkaa giraama Shan itti dabalanii Aanan kubbaayyaa tokkootiin danfisanii galgala yeroo rafan dhuguudha
Guyyaa torbaaf.

5. Dhukkuba Garaachaa, Marrimaanii fi Ciniinnaa Garaachaa Yaaluuf
Baala Biqiltuu tanaa cuunfanii miililitira kudhan (10ml) bishaan litira tookkootti makanii Mustakkaa giraama Shan itti dabalanii ganama garaa duwwatti walitti makamaa San irraa miililitira kudhan dhuguudha. akkasumas galgalas nyaata dura haaluma saniin fayyadamuudha.

6. Rifeensa Mataa Harca’e (Buqqa’e) deebisee biqilchuuf

Baalli biqiltuu kanaa cuunfamee hinnaa fi shunkurtii diimaa wajjiin walitti cafallaqqamee dibatama yoo xiqqaate sa'aatii torba mataa irraa turee eegasii bishaan sidriin sa'aatii torbaa olkeessa tureen Akka shaambootti dhiqatuudhaan
Yoo xiqqaate guyyaa 15niif

7. Dhukkuba Sihirii Falfalaa fi Ija (budaa) Seeyxaana akka balleessuuf.

Qaama biqiltuu kanaa (hidda,jirma,baala fi firii) hundaa isaa walitti cafallaqanii gogsanii karbee wajjiin walitti makanii ibiddarratti buusaanii ulatuu.
Akkasumas Duhnii wardii fi Duhnii Dawaa wajjiin ni dibatu

8. Dhukkuba Gaggabdoo Hunda Yaaluuf
Firii baala Banjii giraama 2 kashkaashi giraama 15 wajjiin damma kiiloo tokkootiin walitti makanii ganama fi galgala nyaata dura fal'aana tokko fayyadamuudha
Haga dammi sun dhumatutti.

9. Dhukkubbii Lafee, Jilbaa fi Harkaa Yaaluuf
Qaama biqiltuu kanaa hundaa walitti cafallaqanii Danfisanii ittiin suukkuumatu ykn dhidhiibatuudha Duhnii banasfajii wajjiin galgala galgala.

10. Dandeettii Walqunnamtii Saalaa Dhiiraa Jabeessuuf

Daakuu firii isaa giraama 2 fujulii giraama 50 waliin walitti daakanii Damma kiiloo tokkootiin walitti makanii galgala yeroo rafuuf Deeman fal'aana lama lama fayyadamuudha.
Hanga walitti makaan sun dhumatutti.

11. Dhukkuba Guurraa (Baakteeriyaa, Fangasii) Qulqulleessuufis ni gargaara”

Shifa'i Medicine Center follow godhaa nuhordofaa

whatsapp 0920691894

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address

Adama
Addis Ababa
0000