SHIRO CLUB

SHIRO CLUB

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from SHIRO CLUB, College & University, Addis Ababa ,Ethiopia, Addis Ababa.

01/05/2026

KABAJNI DAFQAAN BULTOOTAAF.

Shiro club kilaba leencotaa!

08/04/2026

Lolli Israa'el, Ameerikaa fi Iran gidduutti geggeefamaa ture hamma toora godhachuufi fakkaata.
Nagaan dursaa waan hundaati.
SHIRO CLUB kilaba leencotaa!
Lola keessatti iyyuu 1;0 n dursaa turre amma garuu qaala'insa ni m***a jennee yaadna.

07/04/2026

SHIRO CLUB 1:0 Qaala'insa.

25/03/2026

.......TAAJJABBII.......
Har'a lafa hojii kootti Daa'imni ganna 13 hin caalle tokko dhufee, meeshaa bituuf na gaafate. Daa'imni kun yeroo 3 ol natti deddeebi'aa ture. Dhaloonni isaa kara kaabaa kanadha. Uffata baayee namatti hin tolle uffatee deema. Gaafa meeshaa bitu garuu waan humna isaa olii gaafatee, qarshii baasee bita 🙄. Daa'imni kun akkasiin jiraachuun isaa na gaddisiisee jennaan, osoon haala inni ittiin barnoota barachaa mana namaallee taa'ee hojiis hojjatu mijaassaaf jedheen haasaa jalqabne.
Ana : Akkam?
Isa ; nagaa kooti.
Ana :Hojiin akkam?
Isa ; Baredadha.
Ana ; Eessa jiraatta?
Isa; Naannoodhuma kanan jiraadha.
Ana ; Waan si mariisisuu barbaade maal qaba otoo mana barnootaa galtee barnoota kee barattee. haala siifan mijeessa bara 2018 seentee baratta. waan barnootaaf si barbaachisu siif guutama kanaafuu maal sitti fakkaata jedheen gaafadhe?
Isa ; "Mogni negn inde" jedhee jalqabe. ani naannoo kuduraan jiru deemee dinnicha qarshii 400nan buqqisa. waaree booda immoo isaanumarraa biteen dhufee naannoo kanatti daldaala. mana kiraas hiriyoota koo xixiqqoo waliin mana xiqqaa qabannee jiraanna. maal na dhibee maalan argadhaan mana barumsaa dhaqa moo misaa sanaaf jechan deema naan hin jedhu seetanii.

waan tokkon yaade mee qarshii 400x30 =12000 + guyyaatti otoo qarshiidhuma 200 daldallatee(kana ol argata) 200x30=6000 kanaafuu 12000+6000=18000 mucaan kun naannoo 20,000 ji'aan argatti. edaa kanaafuu meeshaa qaalii qaalii bituu jaalatti😁. Agartee yaada ijoollee xiqqoon business hojjachuuf qabdu. Bor mana kuduraa beekamaa kan banee hojjatu mucaa kanadha. Keenya tokko biyyaa finfinnee yoo dhufe mana waarshaatti fiiga. Yaada kana akkamitti ilaaltan .
ani mucaa sana miseensa SHIRO CLUB keessatti galmeesseera.
SHIRO CLUB KILABA LEENCOTAA.

24/03/2026

....HOJIIN MAALI....
Namoota baayeetti hojii jechuun wanta humna xiqqaa fudhatee galii guddaa argamsiisu kana malees waan dadhabbii otoo hin qabaatiin protocol ofii eeggatanii ittiin jireenya dansaa jiraatan itti fakkaata.
Akka yaada kootti garuu hojiin wanta sammuu namaa qabuudhaan egeree boruu ofiif yaadanii yeroo humna qabanis ta'ee sadarkaa irra jiran kamitti jireenya moo'achuu fi bor jireenya gaarii jiraachuuf yaalii taasisanidha.
Nama baay'eetti hojiin baratanii field baratan sanaan dalaguu itti fakkaata.
haala qabatamaa hawwaasa keenya keessa jiruunis kanuma. Inumaa galii argannu irra mucaan abbaa ebeluu hojii mootummaarra jiraan gurraa guddaadha.
Namoonni barnootaan sirna barnoota ol aanoo irraa bahan illee hojii xixiqqoo kanneen akka Caammaa xaraguu, mana bunaa dalaguu, meeshaalee gatii xixiqqaa gurguruuf miira hawwaasaa sana sammuu keessaa waan qabaniif ni rakkatu.
Jireenya keenya keessatti namni maal naan jedha jecha jedhu sammuu sammuu keenya keessaa baasuun jireenya keenya fuula duraa irratti dhiibbaa gaarii akka goonuuf nu qopheessa.
Hojii mootummaatas ta'ee hojii nama dhuunfaa keessa dalaguu caala hojiilee maalaqa xixiqqaan dalagamuu danda'an hojjachaa tokko irraa lamatti tarkaanfachuun baayee salphaadha. Jalqabuun ulfaataadha jalqabnaan garuu deemsi baayee salphata.
Har'a kaanee jireenya keenya boruu irratti haa hojjannu. yeroo keenya bakka hin taaneef araada hin taane keessatti dabarsuu caala sammuu keenya busy goonee hojii irratti haa bobbaanu. Miira hin danda'uu sana sammuu keessaa baasuu qabna.

SHIRO CLUB KILABA LEENCOTAA!

23/03/2026

Page kun namoota bu'aa ba'ii jireenyaa moo'achuuf carraaqan kan jajjabeessuu fi kan hawwaasaan wal barsiisudha.
Shiro Club; Kilaba Leencotaa!

23/03/2026

NOTE; Tapha Arsenal &City bara 2026 CARABAO cup sababa godhachuun ''SHIRO CLUB'' kan hundaa'edha.
"Shiro Club" kilaba Leencotaa!

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address

Addis Ababa ,Ethiopia
Addis Ababa
OROMIA