12/03/2026
Dhibee Gadda/Mukaa'uu/Cimaa
\ /
Namni tokko mallattoolee kanniin yoo agarsiise qorannoo fayyaa Sammuu gochuu qaba;⬇️⬇️
✓1.Gadda cimaa!
-Yeroo baay’ee walitti fufiinsan gadduu, abdii kutachuu Fi boo'icha baay'isuu.
✓2.Fedhii fi gammachuu dhabuu!
-Hojiiwwan Fi wantoota duraan nama gammachiisan irraa gammachuu fi fedhiin dhabamuu.
✓3.Jijjiirama ulfaatina qaamaa!
-Fedhiin nyaataa baay'ee dabaluu ykn hir'achuun walqabatee ulfaatinni qaamaa jijjiiramuu danda'a.
✓4.Rakkoo hirriiba!
-Hirriibni dhabamuu (insomnia) ykn baay’achuu (hypersomnia)n jiraachuu danda'a.
✓5.Sochiin qaamaa jijjiiramuu!
-Suuta socho’uu ykn jeeqamuu haala sochii fi tasgabbiin dhabamuu (psychomotor agitation/retardation).
✓6.Humna dhabuu fi dadhabina!
-Guyyaa hunda miira dadhabbii fi humna dhabuun namatti dhaga'amuu.
✓7.Of tuffachuu ykn yakka ofitti fudhachuu!
-Of gadi xiqqeessuu,yakka ykn cubbuu hin jirre ofitti fudhachuu/cubbamaa of gochuu/
✓8.Xiyyeeffachuu dadhabuu! -Xiyyeeffanoon yaaduuf, murteessuuf ykn hojii irratti xiyyeeffachuuf rakkachuu.
✓9.Yaada du’aa ykn of miidhuu yaaduu!
- Of ajjeesuuf ykn o yaaduu j yaaluun jiraachuu danda'a.
:
Mallattooleen kunneen yoo xiqqaate torbee lamaaf yoo Itti fufanii fi jireenya guyyaa guyyaa irratti rakkoo kan uuman yoo ta’e, qorannoo fayyaa Sammuu gochuun yaala barbaachisu argachuun ni dandaa'ama.
Galatooma!
©Baeki M•[Mental Health Professional]
09/03/2026
✓✓✓✓✓✓✓✓
Boqonnaa fi Fayyaan Sammuu walitti hidhata cimaa qabu.Namni boqonnaa gahaa yoo hin arganne, sammuu fi qaamni isaa miidhamuu danda’a.faayidaalee boqonnaa Sammuu fudhachuu muraasa;
✓1.Sammuu ni haaromsa
Boqonnaan sammuun keenya akka haaromu gargaara.Yeroo rafnu, sammuu keenya odeeffannoo guyyaa baranne sirreessuun kuusa.
✓2.Dhiphina ni hir’isa!
Boqonnaa gahaan dhiphina fi yaaddoo hir’isa.Namni boqonnaa gaarii argatu tasgabbii fi obsa qaba.
✓3.Xiyyeeffannoo ni fooyyeessa!
Yeroo boqonnaa gahaa arganne, sammuun keenya wanta barbaachisu irratti sirriitti xiyyeeffachuu danda’a.
✓4.Miira keenya too’achuuf!
Boqonnaa dhabuu irraa kan ka’e namoonni dafanii aaru, mufatu ykn gaddaan miidhamu danda’a. Rakkoolee kanniin hambisuuf Sammuu keenya boqachiisuun miira keenya sirreessuu qabna.
✓5.Fayyaa waliigalaa ni eega!
Boqonnaan gahaa fudhachuun fayyaa sammuu qofa osoo hin taane fayyaa qaamaa illee eeguuf gahee olaanaa qaba!
Nagaa ta'aa!
©Beekii M•[Og•Fayyaa Sammuu]
07/03/2026
!
✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓
-Yoo daqiiqaa muraasa booda balaa si mudate hoo?
-Yoo daqiiqaa muraasa booda qaama kee keessaa tokko dhabde hoo?
-Yoo daqiiqaa muraasa booda gaddi cimaan si mudate hoo?
-Yoo daqiiqaa muraasa booda hafuura baafachuun kee dhaabbate hoo?
amma:⬇️⬇️⬇️⬇️
➡️Balaa keessa hin jirtu, kanaaf gammadi!
➡️Qaamni kee guutuu dha, kanaaf Waaqayyoon galateeffadhu!
➡️Amma gaddi cimaa si hin mudanne, kanaaf boqonnaa qabaadhu!
➡️Amma hafuura seeraan baafachaa jirta, kanaaf galateeffadhu!
!
Jireenya gammachuu qabu jiraachuuf, Wanta amma qabduuf galateeffadhu!
Galatooma!
Mental Health Media
19/01/2026
:
✓headaches
✓neck and shoulder pain
✓ lack of appetite
✓back pain
✓a heavy chest
✓ tight muscles
✓ an upset stomach
Pausing, breathing, and reflecting through slow breathing techniques can help to reduce stress.
©WHO
15/01/2026
Aarii Kee Humna Ijaarsaatti Jijjiiri!
✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓
•Yeroo jireenyi si qoru, aarii keessa kee akka sababa kufaatii osoo hin ta’in, akka humna hojii, obsaa fi tattaaffii jabaaatti jijjiiri.
•Kufaatiin, gaddii fi dhabuun kamiyyuu gufuu osoo hin ta’in, daandii ergama kee guddaa ittiin milkeessitu ta'uu danda'u'!
Galatooma!
08/01/2026
Dandeettii haaraa barachuu, kaayyoo ifa ta'e qabaachuu fi gatii ofii isa sirrii beekuun jireeenya ofiif bu'uura kaa'uudha.
05/01/2026
!
✓kitaabolee Sammuu kee misoomsan dubbisuu ykn leenjiiwwan gahuumsa dhuunfaa fudhachuu amala godhadhu.
✓Uumaa waliin hariiroo fayyaalessa ta'e qabaadhu.Jireenya Hafuuraa keetiif xiyyeeffannoo kenni!Kadhannaa gochuu/eebbifachuu/galateeffachuu amaleeffadhu!
✓Nyaata madaalawaa nyaachuu fi sochii qaamaa gochuunis fayyinaa Fi ijaarsa maashaalee qaama keenyaaf nu barbaachisa!
Walumaagalatti Sammuu,jireeenya hafuuraa Fi qaama keenyaaf kunuunsa barbaachisu gochuun dirqama!
Galatooma!
© Mental Health Media
01/01/2026
✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓
✓Haala hunda keessatti mataa Kee olqabadhu!
✓Waan hojjatu ofitti amanummaa Fi hubannoo sirrii irratti hundaa'un hojjadhu!
30/12/2025
Akkuma 'Setting' bilbila keenyaa sirreeffannu 'Setting' Sammuu keenyaas haa Sirreeffannu!
Mental Health Media
29/12/2025
Fayyaa Sammuu fi Itti Fayyadama Alkoolii
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
✓Wantoota 4 Beekuu Qabnu:
➡️1.Alkooliin dhibee sammuu hammeessa!
•Dhiphina sammuu, yaaddoo, jijjiirama miiraa Fi amalaa akkasumas yaada of ajjeesuu dabaluu danda'a.
➡️2.Alkooliin Sirna sammuu ni jijjiira!
•Alkooliin keemikaalota sammuu keessatti argaman (akka serotonin fi dopamine) ni jeeqa. •keemikaalonni Kun madaallii sirrii akka hin qabaanne gochuudhaan miirri tasgabbaa’aan akka hin jiraanne taasisuu danda'a.
➡️3.Gammachuu yeroo gabaabaa,garuu miidhaa yeroo dheeraaf nu saaxila!
•Alkoolii dhuguun yeroof waan tasgabbii nuuf kennu fakkaatus,boodarra hir’ina fayyaa sammuu fi hirkattummaa yeroo dheeraa fida.
➡️4.Alkooliin hirriiba fi dandeettii waa murteessu keenya ni miidha!
✓Alkooliin hirriiba ni jeeqa.Akkasumas murtii sirrii akka hin murteessinee fi of-hubannaa keenya ni laaffisa.
:
Fayyaa sammuu ofii eeguun waan Sammuu ofii miidhu hubachuu Fi of eeggachuu irraa jalqaba.
Nagaa ta'aa!
,