Dhugaaf Jiraanna

Dhugaaf Jiraanna

Share

Dhugaa dubbannee dhugaaf akka jiraannu waaqayyoo fi namootaa wajjin araaramnee galma guddaa sanaaf wal qopheessuuf kan hojjetu fuula ergaa dhugaati.

Dhugaan in dubbata har'a waan dhokate fakkaata

13/06/2026



Dur jaartii tokkotu jirti. Bara sana wangeelli Akka ammaa kana ifatti bahee hin lallabamu. namoonni Pheenxee ta'aniyyuu muraasadha. qubaan lakka'amu. isaanis kan waaqessan nama dhokatanii bakka namni hin argine, caakkaa keessa ykn mana dhoksaatti waaqeffatu.

Maarree Bara sana jaartiin kun macaafa qulqulluu mana isheetii qabdi. sirni yeroo sana biyya bulchus namoota Pheenxee ta'an kana waan hariyatuuf mana jaartii kanaa macaafni qulqulluun Akka jiru dhaga'ee poolisii itti erge. poolisiinis mana jaartii kanaa dhaqee afaan qawwee itti qabee, “Macaafa kana dafii fidii asumatti gubi akkas hin ta'u taanaan asumattin si ajj**saa” ittiin jedhe. jaartiinis deebistee Akkas ittiin jette “Ani Wangeela koo hin laadhu, hin gubus, yoo na ajj**ste ammoo, biyya abdii koottin gala, yerusaalem biyya waaqarrattin gala, yoo ajj**stes ajj**si malee ani hin laadhu” jette. Kana booda poolisiin qawwee baatee dhaabatee hollachuu jalqabe. daqiiqaa muraasa booda qawwee lafa buusee ofiifuu gaggabee of wallaale.

Jaartiinis deebistee poolisichaaf kadhattee, poolisichis deebi'ee of baree, achumatti Yesuusitti Amane jedhama🙏🏿

Maal jechuu barbaadeenii?! Namoonni baayyeen suuraa mucaa kanaa asirratti maxxansuun “Kan nageenya biyyaa eegu kilaashiifi Sniper dha, Raayyaan ittisa biyyaa keenya waan akkanaa dhiisaa” jechaa jiru. dubbiin garuu akkas miti, kilaashiifi Sniper isin jettan kanayyuu kan hoogganu Wangeela dha! Maqaa Yesuusiin hin dhuka'iin jennaan sniper’n hin dhuka'u. Wangeelli meeshaa meeshaan oliiti👏

Waan dubbisteef Eebbifami✋🙏🏿👏

Namuu fayyaa hin dhabiin 🙏🏿

galatoomi 🎀🎀

09/06/2026



"Bantiiwwan waaqaa ulfina Waaqayyoo himaa jiru, wanti bantii waaqaa jalaan mul'atus hojii harka isaa in labsa*."
(Faar. 19:1)

07/06/2026

💙

Seerri Waaqayyoo guutuu dha,
lubbuu namatti in deebisa;
wanti seerri Waaqayyoo dhugaa
ba'u amanamaa dha,
inni wallaalota iyyuu beektota in godha.

Ajaji Waaqayyoo qajeelaa dha,
garaa namaa in gammachiisa;
abboommiin Waaqayyoo qulqulluu dha,
ija namaa in ibsa.

Waaqayyoon sodaachuun yaada qullaa'aa dha,
bara baraan jabaatee in dhaabata;
akka namni ittiin geggeeffamuuf
wanti Waaqayyo kennu dhugaa dha,
guutummaan isaas qajeelaa dha.

Inni Waaqayyo kennu kun warqee caalaatti,
warqee baqfamee qullaa'e baay'ee caalaattis,
ilaalamuun kan ta'uu dha;

damma caalaa, nadhii dhaaba dammaa
keessaa coccophu caalaas in miyaa'a.
Far. 19:7-10. Ameen.

06/06/2026

Waan garaan kee jaallatu siif haa kennu! Akeeka kee hundumaas siif haa raawwatu!🔥❤
Far 20:4 .Ameen.

04/06/2026

Dhukkuba Dhalootaa fi Qoricha Waldaan Laattu
Dhibee dhaloonni dhibameef Qorichi waldaadhaa dhabame.
Lafa argamuu qabuu qorichi erga dhibamee dhaloonni immoo lubbuu dhaan dhabame. Silaa fayyanii kan jiraachuu qaban du'anii jireenya dhaban.
Isa hafee hambaa ta'u dhiisanii isa dhumee baddu ba'u duukaa gulufuun machii hamaadhaan dhaloota karaatti hambise.
Silaallee gara garaan keenya kajeelletti utuu hin taane gara qajeelfamnetti arreeduutu nurraa eegama ture. Sun sanaaf kun kanaaf utuu hin taane hundumti keenya waan tokko ajajamneerra. Kun immoo Mootummaan Waaqayyo akka dhi'aate dubbachuu fi dhaloota bineensa du'aa harkaa baasuudha. Dhaloonni dhibameera. waldoota hedduu biraa immoo qorichi dhabameera. Dhaloonni dhibamee silaa fayyuu kan qabu dhukkuba ittiin dhibameen dhabame. Baayyeen dhaloota keenyaa wal'aalummaan dhibameera, of tuulummaan dhibameera, of tuffachuun dhibameera, jibbaan dhibameera, inaaffaadhaan dhibameera, of harkaa dhabuudhaan dhibameera, argatee qabaachuun dhibameera. Daawwaan kana hundumaa waldaa kiristaanaa ishee qulqulleettii dhiiga kiristoosiin bitamte kiristoosiin lallabduu fi dhuga baatu isaa taate bira jiraachuu qaba. Waldaan kiristaanaa baayyeen immoo waa iyyoomteetti. Birrii qabdi gamoo ijaarteetti, miseensa qabdi namoota horatteetti, maqaa addaa addaa moggaafatanii kan ittiin of waaman of keessaa qabdi, garuu Hafuura dhugaa isa dhaloota irraa waanjoo caccabsu of gidduutti dhabdeetti. Wal ga'a namootaaf wooca dhalootaatu jira malee argamsi hoolichaa ishee gidduu hin jiru. Lubootaa fi lallabdoota ti'ooloojii iddoo beekamaatti namoota beekaniif beekaman irraa baran hedduu qabdi, Kiristoo kan isaaniif ife Yesuus irraa kan baratan dhalootaaf lubbuu isaanii kan hin mararfanneen immoo iyyoomteetti. Wal dhabdeef jaalala waliif dhabuun warra Waaqayyoof hojjetanii dhaloota gadi ari'e. Bineensi warra gadi baqatan nyaatu immoo ala dhaabbatee dhaloota simate; takka turee dhaloota galaafate. Qalbiitti haa deebinu. Dhaloota dhibamee dhabamaa jiruuf waldaan kiristaanaa qoricha qabaachuu qabdi. Qorichichi immoo Yesuus ilma Waaqayyootti. Dubbii dhugaa sagalee Waaqayyo sirriitti Qajeelchinee haa lallabnu.

19/05/2026

well come Dave

Album #3 97% irra ga'eera!
Waaqayyoof galanni guddaan haa ta'u!
Gargaarsi gooftaa keenyaa akkuma nurraa adda hin cinne, galanni keenyas akkasuma addaan hin citu!
Yeroo ani nan dadhabe jedhetti inni garuu humna ko haaresse!
Waan wal-xaxaa baay'ee keessa na dabarsee galataaf na dhaabeera!
Wanti hundumtuu akka ani sodaadhe hin taane! Waaqayyoof haa galatu!🥹🙏🏿

Milkoomina gaariin xumuree akkan isin biraan ga'uuf naaf kadhadhaa 🙏🏿

18/05/2026

Ergaan kun kan keeti
Ameen jedhi siif ta'aa🔥🌹

08/05/2026


MACAAFA RAAJOTAA SHANAN(5)

📖 IBSA BAL’AA MACAAFA RAAJOTA GURGUDDOO (MAJOR PROPHETS)

✨ SEENSA

Macaafni Raajota Gurguddoo kitaabota Kakuu Moofaa keessatti argaman yoo ta’an, ergamni isaanii inni guddaan:

Israa’el fi saba Waaqayyoo gorsuuf

Cubbuu isaanii itti agarsiisuuf

Murtii Waaqayyoo labsuuf

Abdii fayyinaa (Masiihii) himuuf

👉 “Gurguddoo” jechuun baay’ina barreeffamaa fi bal’ina ergaa isaanii agarsiisa, malee nama guddaa jechu miti.

📚 1. ISAAYYAAS (Isaiah)

📅 Bara: 740–700 BC 🎯 Ijoo: Masiihii fi Fayyina

📖 Qabiyyee ijoo
Murtii Israa’el irratti labsame
Cubbuun saba Waaqayyoo itti mul’ate
Abdii fayyinaa fi mootummaa Masiihii

✨ Ergaa guddaa

Masiihiin dhufu cubbuu namootaa ni baata

Waaqayyo saba isaa ni fayyisa
📚 2. ERMIYAAS (Jeremiah)

📅 Bara: 627–586 BC 🎯 Ijoo: Cubbuu fi Boqonnaa dhabuu

📖 Qabiyyee ijoo

Badii Yerusaalem dursee beeksise

Israa’el gara Baabilonitti booji’amuu

Gadda fi boo’icha guddaa

✨ Ergaa guddaa

Cubbuu irraa yoo hin deebine badiin ni dhufa

Waaqayyo garuu gara laafessa dha

📚 3. BOO’ICHA ERMIYAAS (Lamentations)

📅 Bara: 586 BC booddee 🎯 Ijoo: Gadda Yerusaalem

📖 Qabiyyee ijoo

Badiin Yerusaalem ibsame
Namoota booji’amaniif boo’icha

✨ Ergaa guddaa

Cubbuu irraa kan ka’e gaddi ni dhufa
Waaqayyo garuu abdii hin dhabu

📚 4. HEZQEEL (Ezekiel)

📅 Bara: 593–571 BC 🎯 Ijoo: Ulfina Waaqayyoo fi Haaromsa

📖 Qabiyyee ijoo

Ulfina Waaqayyoo (vision)
Lafeen gogaa jireenya argate (vision
Israa’el haaromsa argachuu

✨ Ergaa guddaa

Waaqayyo saba isaa ni haaromsa
Jireenyi haaraan ni dhufa

📚 5. DAANI’EEL (Daniel)

📅 Bara: 605–530 BC 🎯 Ijoo: Amantii fi Mootummoota Biyyoolessaa

📖 Qabiyyee ijoo
Daani’eel boolla leencaa keessaa oole
Hiriyoonni isaa ibidda keessaa ba’an
Mul’ata mootummaa addunyaa

✨ Ergaa guddaa

Namni Waaqayyotti amanamu ni eeggama

Mootummaan Waaqayyoo bara baraan jiraata

🧭 GABAABINA WALIIGALAA

ISAAYYAAS → ABDII MASIIHII

ERMIYAAS → CUBBUU FI MURTII

BOO’ICHA → GADDA FI HUBACHIISA

HEZQEEL → HAAROMSA

DAANI’EEL → AMANTII FI MOOTUMMAA WAQAYYOO!
Macaafota shan!
Sababni isaa faaruun Ermiyaas ergaa Karaa
Raajii Ermiyaas dubbatame waan ta'eef
Raajotni gurguddoon afur(4) kitaabni shan!

Share gochuun waliif dabarsaa
Telegram join godhaa achi irrattis yaada keessan kennaa
https://t.me/+bWY8NJBaxiMzMzZk

Photos from Missionary Obse Asrat's post 05/05/2024
Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address

Finfinnee
Addis Ababa