24/05/2026
ODUU GADDAA
Hogganaa Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Fiichee kan turan obbo Darajjee Danda'aa Araddoo du'aan tasaan Addunyaa kanarraa boqachuu isaaniin hoggansiifi hojjattootni BBO Gadda Guddaa nutti dhagahame ibsanneerra.
Waaqni Lubbuu Isaanii Jeennatatti Haaqananiisu!
Maatii, firootaafi hiriyoota isaaniif jajjabina hawwina!
- Hoggantootaafi Hojjattoota BBO irraa.
14/09/2018
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |📱Telegram | | 🤖Bot | |
https://t.me/OromiaEducationBureauOfficial/3087
21/05/2026
Foramii Barnootaa Idil Addunyaa 2026fi Mariifi Kaayyoo Waloo Biyyoota Addunyaa
---------------
BBO- Caamsaa 12/2018 Foramii Barnootaa Idil Addunyaa 2026 ( ) Mata Duree: " ;- Peace, Planet, Purpose and Pathways." jedhu irratti guyyoota Afuriif kan hirmaatte Itoophiyaan kaleessa muuxannoo qabdu hirmaattotaaf qoodde.
Foramii Barnootaa Caamsaa 9-12/2018 Magaalaa Landanitti qophaa'e irratti Prof. Biraanuu Naggaafi Hogganaan BBO. Dr. Tolaa Bariisoo kan hirmaatan yoo ta'u, hojii misooma barnootaa Itoophiyaa ijoowwaniifi muuxannoof ta'uu danda'an Prof. Biraanuu Naggaan waltajjiif dhihaateera.
Hojiiwwan Ijoo ta'anis akka asii gadiitti dhihaataniiru.
Barnootni_Dhalootaaf (“ ” ) jedhu jalatti Manneen Barnootaa baadiyyaafi hawaasa tajaajila hin arganne ijaaruudhaan qaqqabummaa barnootaa babal’isuu.
Guddina Daa'immanii Jalqabaa ( ) fi barnoota sadarkaa tokkoffaa duraa (Bu'uura Boruu) cimsan qopheessuufi hojiirra oolchuu,
Barnootaa hunda hammate kan daa’imman qaama miidhamtootaafi fedhii barumsaa addaa qaban deeggaran qopheessuufi hojiirra oolchuu,
bu’uuraafi hirmaannaa barattootaa fooyyessuuf Manneen Barnootaa Sad. 1ffaa keessatti guddisuu.
, hirmaannaafi tursiisa shamarranii manneen barnootaa keessatti guddisuuf kaayyeffate tarkaanfachiisuu.
Al Idilee keessatti barnoota filannoo hawaasa horsiisee bulaafi dhaqqabummaan rakkisaa ta’eef dhiheessuufi hojiirra oolchuu. barnootaa fooyyessuuf barumsa bu’uuraafi guddina barsiisotaa cimsuu irratti muuxannoo bal'aa kan qoodde yoo ta'u, walumaa galatti, biyyi keenya qaqqabummaa babal'isuu, sagantaa barnootaa al idilee (Non-Formal Education) bu'uura irraa fooyyessuu, hammattummaa mirkaneessuu, walgitiinsaafi qulqullina qabu hunda biraan gahuu irratti kutannoon hojjatamaa akka jiru Ministira Ministeera Barnootaa Itoophiyaa Prof. Biraanuu Naggaatin hirmaattota Foramichaaf dhihaateerra.
Haaluma walfakkaatuun guyyaa har'aas (guyyaa 4ffaa) irrattis Foramiin Barnootaa Idil Addunyaa 2026 biyya Ingiliiz Magaalaa Landanitti gaggeeffamaa jiru irratti mata dureewwan;
" jedhu jalatti;
-Addunyaa saffisaan jijjiiramaa jirtuuf daandii barumsaa jireenyaafi umurii guutuu akka fayyadutti ijaaruufi
for greater impact jedhu jalatti,
- Riifoormii Barnootaa Xiyyeeffannoo akka argatuufi dhiibbaa guddaa uumuu akka danda'uufi dursi akka kennamuuf ajandaawwan jedhaman irratti mari'achuun kan xumurame ta'uun odeeffannoon landan irraa nu gahe ibseera.
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |📱Telegram | | 📱 Instagram / / 🤖 Bot | |
https://t.me/OromiaEducationBureauOfficial/3079
21/05/2026
Barattootni Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaa Fudhachuuf Galmaa'an Walakka Miliyoonaa Ol Ta'uun Beekame.
-------------
BBO - Caamsaa 04/2018 Naannoo Oromiyaatti barattootni Qormaata Naannoo kutaa 6ffaa bara 2018 fudhachuuf galmaa'an 286 247 , 261 104, walitti barattootni 547 351 ta'uun beekameera.
Qormaatni Naannoo Kutaa 6ffaa kan kennamu Waxabajjii 01/2018 irraa eegalee yoo ta'u yeroo qophii barattootaa ji'a tokkoo gadi (guyyaa 26 qofa) waan hafeef qophii isaanii daran cimsanii akka itti fufan yaadachiisaa, barsiisotniifi maatiin barattootaas akkuma kanaan duraa deeggarsi keessan itti haa fufu kan jedhu dhaamsa keenya ta'a.
Dhumarratti, barattootni Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa bara 2018 fudhatan 07/2018 waan xumuramuuf 'u, garuu, har'aatti 224 224. 205 928 , walitti barattootni 430 152 kan galmaa'an ta'uun beekameera.
;
Yeroo qoyyobannaa gaariifi milkaa'ina hawwineerra!
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |📱Telegram | | 🤖Bot | |
https://t.me/OromiaEducationBureauOfficial/3057
05/05/2026
እንኳን ለ85ኛው የጀግኖች አርበኞች በዓል አደረሳችሁ
ሚያዝያ 27 ቀን ኢትዮጵያውያን ጀግኖች አርበኞች የፋሽስትን ወረራ የቀለበሱበትና የኢትዮጵያን ሉዓላዊነት ሙሉ በሙሉ ያስከበሩበት በዓል ነው።
አርበኝነት ማለት ለሀገር ያለ ዋጋ የሚከፈል ከራስ ወዳድነት የነጻ መሥዋዕትነት ነው። ዓላማውም ሀገርንና ሕዝብን ብቻ ማዕከል ያደረገ ነው። ለግል ወይም ለቡድን በተለየ የሚገኝ ነገር የለውም። ለሀገር ከሚገኘው ነጻነት፣ ሉዓላዊነት እና ክብር ከሚደርስ የዜጋ ድርሻ በቀር።
እናትና አባት አርበኞች ከፋሺስት ጋር የተዋጉት ለሀገር እና ለወገን ብለው ነው። በግል ጥቅም ለማግኘትማ ከአርበኝነት ይልቅ ባንዳነት አቋራጭ ነበር። ግን አላደረጉትም።
የአርበኝነት ትግሉ ከሦስት ጠላቶች ጋር የተደረገ ነበር። ከራስ ፍላጎት፣ ከባንዳና ከወራሪ ፋሺስት ጋር። አርበኝነት የራስን ጥቅም ለሀገር ጥቅም ሲባል መተው ነው። አርበኝነት የግል ክብርን፣ የግል ሥልጣንን እና የግል ጥቅምን መሠዋት ነው። ይሄንን ለመቀበል ከጠላት በፊት ራስን ማሸነፍ ይጠይቃል።
ባንዳዎች ማለት ራሳቸውን ማሸነፍ ያቃታቸው ናቸው። የግል ጥቅምንና ክብርን ማሸነፍ ሲያቅታቸው የሀገራቸውን ክብርና ጥቅም ይሸጣሉ። ባንዳነት ማለት ሀገርን ለራስ ጥቅም በመሸጥ የሚከናነቡት የውርደት ካባ ነው። አርበኞች ከባንዳዎች ጋር ታግለዋል። ባንዳዎች በአንድ በኩል ሀገራችሁን ሽጣችሁ እንደኛ በግል ተጠቀሙ ይሏቸዋል። በሌላ በኩል መንገድ እየመሩ ወራሪውን ያመጡባቸዋል። ያም አልሆን ሲላቸው ሕዝቡን በሐሰተኛ ወሬ ልቡን ይሰልቡባቸዋል።
ዛሬም ሦስቱም ጠላቶች አሉ። መልክና ስም ብቻ ቀይረዋል። በሌላም በኩል ዛሬም በየመስኩ የተሠማሩ ኢትዮጵያውያን አርበኞች አሉ።
የኢትዮጵያ ብልጽግና እንዲሳካ ብሔራዊ አርበኞችን ይፈልጋል። የራስ ፍላጎትን፣ ባንዳነትን እና ወራሪን እምቢ የሚል አርበኝነት።
የኢንዱስትሪ አርበኞች፣ የግብርና አርበኞች፣ የጸጥታ አርበኞች፣ የፖለቲካ አርበኞች፣ የንግድ አርበኞች፣ የዲፕሎማሲ አርበኞች፣ የመንግሥት አገልጋይ አርበኞች፣ የሕክምና አርበኞች፣ የትምህርት አርበኞች፣ ወዘተ. ያስፈልጉናል።
ይሄንን በዓል የምናከብረው የየራሳችንን የአርበኝነት ደረጃ በመገምገም ነው። ለኢትዮጵያ ምን ያህል አርበኞች ነን?
ዛሬም የግል ፍላጎት የሚያሸንፋቸው ደካሞች አሉ። ሀገርን አፍርሰው የግል ቤት መሥራት የሚመኙ። ትልቁን መርከብ አፍርሰው ትንንሽ ታንኳዎችን ለመሸጥ የሚመኙ። ለቅንጥብጣቢ ነገር ውርደትን ለመሸከም የማይሰቀቁ።
ዛሬም ወራሪዎች አሉ። በአካል ሀገርን ለመውረር ካሰፈሰፉት በተጨማሪ ድህነት፣ ኋላቀርነትና ሌብነት የሚባሉ እንደ ሰርዶ ሀገርን ወርረው ሽባ የሚያደርጉ ጠላቶች አሉ። ሀገርን ለባዳ ከሚሸጡት ባንዳዎች እኩል፣ የሀገርን ብሔራዊ ጥቅም ለግል ጥቅማቸው ሲሉ የሚሸጡ ባንዳዎች አሉ። አገልግሎትንና የሕዝብን ሀብት የሚሸቅጡ ባንዳዎች አሉ።
ብሔራዊ አርበኝነት ማለት እነዚህን ሦስት ጠላቶች ታግሎ ማሸነፍ ማለት ነው። ዛሬ የምናየውን የኢትዮጵያ ለውጥና ዕድገት ማስመዝገብ የተቻለው ብሔራዊ አርበኞች በየአካባቢው በመኖራቸው ነው። ብሔራዊ አርበኞች ሦስቱን ጠላቶች እያሸነፉ ቢሆንም ገና ሙሉ በሙሉ ድልን አልተቀዳጁም።
ድሉ እንደ ሚያዝያ 27 የሚታወጀው ኢትዮጵያ የአፍሪካ የብልጽግና ተምሳሌትስትሆን ነው። ኢትዮጵያ በዓለም ደረጃ ከሚገኙ ኃያል ሀገሮች አንዷ ስትሆን ነው።
ይሄንን ድል እውን ለማድረግ ኢትዮጵያን የሚወዱ የኢትዮጵያ አርበኞች ሁሉ እንዲነሡ በዚህ አጋጣሚ ጥሪ አቀርባለሁ።
ኢትዮጵያ በልጆቿ ጥረት ታፍራና ተከብራ ለዘላለም ትኑር!!
ፈጣሪ ኢትዮጵያና ሕዝቦቿን ይባርክ!
ሚያዝያ 27፣ 2018 ዓ.ም
04/05/2026
Haala Itti Fayyadama Bajataafi Maddisiisa Galii Keessoo Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaa Irratti Mariin Taasifame.
------------------
BBO- Ebla 21/2018 Haala itti fayyadamaa bajata mootummaafi maddisiisa galii keessoo MBIBA Sad.2ffaa irratti dura bu'oota Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa waliin mariin guyyaa tokkoo Giddu Gala QLBtti gaggeeffameera.
Hubannoo itti fayyadama bajata mootummaafi galii keessoo maddisiisun of danda'uu manneen barnootaa irratti ibsa kan kennan Daayirektara Daayirektoreetii Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa obbo Qaasim Gammadaa yoo ta'an, BBOtti bulchaa bajata biirichaa kan ta'an obbo Namarraa --- yoo ta'an, manneen barnootaa lammii qaxalee egeree biyyaa ta'an burqisiisan kunniin baasin akka of danda'an deeggarsi godhamaafii kan jiru ta'uu yoo ibsamu, adeemsa keessatti garuu, galii keessoo maddisiisun akka of danda'an mootummaanis hojjataa akka jiru obbi Namarraan ibsaniiru.
Walumaagalatti, dhaabbatni barnootaa sad. 2ffaa Ifa Boruu Bultii Addaa kun kalaqaafi qorannoo barsiisotaafi barattootaan oomisha galiif ta'u maddisiisun of dandeessisuu irratti hojjachuun akka of danda'u gochuu irratti BBO fi MNO deeggarsa kan taasisu ta'uu obbo Qaasim ibsaniiru.
Hubannoofi Leenjii guyyaa har'aa kenname irratti hundaa'un MBIBBA torban(7n)hunduu ciminaan akka hojjataniifi bajata mootummaa ramadamus hojii barnoota ceesisuuf qofa akka itti fayyadamuu qaban, akkasumas jijjiirama jirus BBOf odeeffannoo dhugaa ta'e kennaa akka deeman obbo Qaasim hubachiisaniiru.
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |📱Telegram | | 🤖Bot | |
https://t.me/OromiaEducationBureauOfficial/3009