Sadam Shekh Ahmad

Sadam Shekh Ahmad

Share

صفحة الرسمية لأبو ضمضم صَدَّام شَيْخ أَحْمَدْ نَاصِرْ رجل مسلم سني يحترم الجميع إجلالا لخالقهم

16/06/2026

🌸❁🌸❁🌸❁🌸❁🌸❁🌸
✨ Baga Waggaa Hijraa 1448ffaan Isin Gahe! ✨
🌷 ​Waggaan kun kan nagaa, jaalala, fayyaa fi badhaadhinaa isiniif fi maatii keessaniif haa ta'u.
🌹 Milkiin addunyaa fi aakhiraa isiniif haa baay'atu.
🌺 Gammachuu fi barakaan mana keessan haa guutuu haa ta'u! 🌙🕌
🌸🌿🌸🌿🌸
كُلُّ عَامٍ وَأَنْتُمْ بِخَيْرٍ، وَجَعَلَهُ اللَّهُ عَامَ رَحْمَةٍ وَبَرَكَةٍ وَفَتْحٍ وَتَمْكِينٍ.
🌿🌸🌿🌸🌿
🌹🌺🌹🌺🌹🌺🌹🌺🌹
✨🌙 1448 هجرية مباركة 🌙✨
🌹🌿🌹🌿🌹🌿🌹🌿🌹
❁🌸❁

╔═❀🌿❀════════════❀🌿❀═╗
🌿 اللَّهُمَّ اجْعَلْ عَامَ ١٤٤٨ هِجْرِيًّا عَامَ خَيْرٍ وَبَرَكَةٍ، وَتَوْفِيقٍ وَسَلَامٍ لِلْأُمَّةِ الْإِسْلَامِيَّةِ جَمْعَاءَ 🌿
╚═❀🌿❀════════════❀🌿❀═╝
🌱 اللَّهُمَّ إِنَّا نَسْأَلُكَ مِنْ خَيْرِ هَذَا الْعَامِ فَتْحَهُ، وَنَصْرَهُ، وَنُورَهُ، وَبَرَكَتَهُ، وَهُدَاهُ، وَنَعُوذُ بِكَ مِنْ شَرِّ مَا فِيهِ وَشَرِّ مَا بَعْدَهُ. 🌱
🌿 اللَّهُمَّ اجْعَلْهُ عَامًا تَتَبَدَّلُ فِيهِ أَحْوَالُنَا إِلَى أَحْسَنِ حَالٍ، وَاجْعَلِ الْفَرَجَ فِيهِ قَرِيبًا، وَالْيُسْرَ تِلْوَ الْعُسْرِ، وَاشْفِ فِيهِ مَرْضَانَا، وَارْحَمْ مَوْتَانَا. 🌿
🌸 رَبِّ اجْعَلْ هَذَا الْعَامَ عَامَ سَلَامٍ وَأَمَانٍ، وَأَنْزِلِ السَّكِينَةَ وَالطُّمَأْنِينَةَ عَلَى قُلُوبِنَا، وَاجْعَلْهُ بِدَايَةً جَدِيدَةً لِكُلِّ خَيْرٍ، وَنِهَايَةً لِكُلِّ هَمٍّ وَحُزْنٍ. 🌸
🌱 اللَّهُمَّ وَفِّقْنَا فِي عَامِنَا الْجَدِيدِ لِمَا تُحِبُّ وَتَرْضَى مِنْ صَالِحِ الْأَعْمَالِ، وَأَعِنَّا عَلَى طَاعَتِكَ وَحُسْنِ عِبَادَتِكَ، وَاغْفِرْ لَنَا مَا مَضَى مِنْ ذُنُوبِنَا. 🌱
🌿 اللَّهُمَّ أَدْخِلْهُ عَلَيْنَا بِالْأَمْنِ وَالْإِيمَانِ، وَالسَّلَامَةِ وَالْإِسْلَامِ، وَجِوَارٍ مِنَ الشَّيْطَانِ، وَرِضْوَانٍ مِنَ الرَّحْمٰنِ. 🌿
🌹 يَا أَرْحَمَ الرَّاحِمِينَ، وَيَا أَكْرَمَ الْأَكْرَمِينَ، فَرِّجْ عَنَّا مَا نَحْنُ فِيهِ بِسِرِّ بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمٰنِ الرَّحِيمِ، وَافْتَحْ لَنَا أَبْوَابَ رَحْمَتِكَ وَفَضْلِكَ وَكَرَمِكَ، وَاجْعَلْ لَنَا مِنْ كُلِّ ضِيقٍ مَخْرَجًا، وَمِنْ كُلِّ هَمٍّ فَرَجًا، وَمِنْ كُلِّ بَلَاءٍ عَافِيَةً.
🌿🍃🌿🍃🌿🍃🌿🍃🌿🍃🌿🍃🌿
كُلُّ عَامٍ وَأَنْتُمْ بِخَيْرٍ، وَجَعَلَهُ اللَّهُ عَامَ رَحْمَةٍ وَبَرَكَةٍ وَفَتْحٍ وَتَمْكِينٍ.

29/05/2026

قال رسولُ اللهِ ﷺ:
أَيَّامُ التَّشْرِيقِ أَيَّامُ أَكْلٍ وَشُرْبٍ وَذِكْرِ اللَّهِ تَعَالَى».

وفي الحديث القدسي قال الله تعالى:
«مَنْ ذَكَرَنِي فِي نَفْسِهِ ذَكَرْتُهُ فِي نَفْسِي، وَمَنْ ذَكَرَنِي فِي مَلَإٍ ذَكَرْتُهُ فِي مَلَإٍ خَيْرٍ مِنْهُمْ، وَمَنْ أَتَانِي يَمْشِي أَتَيْتُهُ هَرْوَلَةً».

قال رسولُ اللهِ ﷺ:

«أَيَّامُ التَّشْرِيقِ أَيَّامُ أَكْلٍ وَشُرْبٍ وَذِكْرِ اللَّهِ تَعَالَى».

“Guyyaawwan Ayyāma At-Tashrīq ykn guyyaan sadan Iida Al-Ad-haa boodaa, guyyaa nyaataa, dhugaatii fi Rabbii zikrii godhanii dha.”

28/05/2026

عِيدُ الْأَضْحَى الْمُبَارَكُ
كُلُّ عَامٍ وَأَنْتُمْ بِأَلْفِ خَيْرٍ
لِعَامِ ١٤٤٧ هِجْرِيَّةٍ
Baga Ayyaana Eiid Al-Ad-haa bara 1447 Hijraa nagaan geessan
Waggaa waggaan nagayaa fi kheeyriidhaan isin irratti haa deebi'u.

20/05/2026

🌺🌙 ════ ❁༺ MASJIIDA AL-AQSAA ༻❁ ════ 🌙🌺
🌺🌙 ✧・゚: ( KUTAA 2FFAA ):・゚✧ 🌙🌺

🌿🍃 Yaa Obboleeyyan Muslimaa kabajamoo fi jaallatamoo, namni dubbisee fi hubate yoo jiraate,
kutaa jalqabaa keessatti gootummaa fi injifannoo gurguddoo lamaan kan Amiira Mu'minootaa Umar bin Khattab (R.A) fi Gooticha Salahuddin Al-Ayyuubiin dhufe dubbannee turre.

🌸 Har'a immoo gaaffilee kutaa tokkoffaa keessatti kaafne deebii itti kennuuf, seenaa nama gaddisiisuu fi nama barsiisu kan, haala kamiin akka Masjiidni Al-Aqsaan lammata harka diinaatti akkamitti akka gale fi abdii dhaloota boruu irraa qabnu bal'inaan ibsina. 🌸

━━━━━━━━━━━━━━━ 🌿🌺🌿 ━━━━━━━━━━━━━━━

📌🌷 ( Khilafoota Salahuddin Booda Turaan ) 🌷

Erga Salahuddin Al-Ayyuubi injifannoo guddichaan Masjid Al-Aqsa bilisa baasee, Baytal Maqdis harka Muslimootaa seenee booda, magaalan Yerusaalem harka mootummoota Islaamaa gurguddoo sadiin erga hogganamtee Khilaafaa Usmaaniyyaa geesse; isaan sadanis:

🌿 ❶ Bulchiinsa Ayyuubiyyootaa
🍃 ( Gosa Salahuddin Al-Ayyuubiti ) 🍃

Salahuddin Al-Ayyuubin erga du'aan addunyaa irraa deeme booda, lafti Shaam fi Masjiidni Al-Aqsaan hoggansa ijoollee fi obboleeyyan isaatti hafte. Yeroo kana rakkoo fi dadhabina guddaatu uumame.

🍂 Seenaa nama gaddisiisu: Ijoolleen Salahuddin aangoo mootummaa tiif jecha wal loluu jalqaban. Haala kanaan, bara 1229 keessa mootiin Ayyuubiyyootaa kan maqaan isaa Al-Kamil jedhamu, waraanaa kaafiraa irraa gargaarsa argachuuf jecha, Baytal Maqdis fi magaalaa Yerusaalem lammata gurguratee waraana Awurooppaatiif dabarsee kenne!

🌺 Waraana kana jalaa lammata bilisa ba'uuf gaddaa fi boo'icha baay'ee booda, gootowwan Muslimtootaa ka'anii waraana Awurooppaa lammata dhabamsiisuun, bara 1244 keessa guutumaan guutuutti Baytal Maqdis fi magaalaa Yerusaalem hoggansa muslimtootaa jalatti deebisan.

━━━━━━━━━━━━━━━ 🌿🌸🌿 ━━━━━━━━━━━━━━━

⚔️ ❷ Bulchiinsa Mamlukootaa ⚔️
🌿 ( Mamluk Sultanate — Gootota Gurguddoo ) 🌿

Ayyuubiyyoota booda, lafa Masr (Egypt) fi Shaam (Syria/Palestine) dabalatee humni haaraa gootummaadhaan addunyaa dinqisiise kan Mamlukoota jedhamu ka'e. Mamlukoonni warra waraana Kaafiraa guutumaan guutuutti baha giddu-galeessaa irraa buqqisanii baasaniidha.

🌿 * Mamlukoonni seenaa Masjiida Al-Aqsa keessatti bakka guddaa qabu. Isaan keessaa gootichi beekamaan ( Sultan Baybars ) fi ( Sultan Qalawun ) naannoo Masjiida Al-Aqsa fi Magaalaa Yerusaalem haala kanaan dura argamee hin beekneen guddisan.

🌼 * Masjiidicha keessatti barumsa adda addaa ( Madrasa ), kiliinika fayyaa, daandiiwwan, bishaan dhugaatii, fi bakkoota diiniin itti baratamu baay'ee ijaaran. Waggoota 250 oliif Masjiidni Al-Aqsaan iddoo saayinsii fi beekumsaa, akkasumas handhuura ilmii ta'ee akka addunyaatti tajaajile.

━━━━━━━━━━━━━━━ 🌿🌺🌿 ━━━━━━━━━━━━━━━

🕌 ❸ Khilaafaa Usmaaniyyaa 🕌
🌸 ( Ottoman Empire ) 🌸

Bara 1516 keessa, Khilaafaan Usmaaniyyaa inni humna guddaa qabu dhufee dhaloota Shaam dabalate hogganuu jalqabe.

🌿 Sultan Salim I Yerusaalem yeroo seenu, farda irraa bu'ee miilaan deeme.

🌸 Erga Sultan Salim I booda Sultan Suleeymaan ilmi Sultan Salim kan ta’e yeroo hoggansa isaatti magaalaa Yerusaalemitti dallaa fi masaraa gurguddoo magaalittii naannoo jiru, kan nagaa eegsisu haaraatti ijaarsise.
🍃 ( Dallaan har'a magaalaa Yerusaalemitti argamu kan isaan ijaarsisanidha ) 🍃

💎 * Akkasumas, dhagaa "Dome of the Rock" ( Qubba al-Sakhra ) irra jiru, koochoo qorqorroo, fi faaya halluu cuquliisa kan bareedinni isaa nama dinqisiisu kan har'a Masjid Al-Aqsa irratti argamu kanaan kan miidhagse isaanidha.

🌺 Haala kanaan waggoota 400 guutuu Usmaaniyyoonni Masjiida Al-Aqsa kabajaa fi nagaa dhaan eeganii dhalootaaf dabarsan.

━━━━━━━━━━━━━━━ 🌿🌸🌿 ━━━━━━━━━━━━━━━

💔🌷 Kufaatii Lammaffaa ( Bara 1917, 1948 fi 1967 ) 🌷💔

Waraana Addunyaa Tokkoffaa irratti, khilaafaan Usmaaniyyaa erga dadhabee booda, bara 1917 keessa waraanni Ingiliizi hoggansa General ( Edmund Allenby ) tiin Yerusaalem qabate.

⚠️ Generalichi yeroo magaalaa seenu akkana jedhe:
✨ “Duulli Saliibiyyootaa har’a xumurame!” ✨

Kun jalqaba kufaatii lammaffaa ture.

🌿 Kanatti aansuun bara 1948tti Ingiliiz waggaa kudha sadihif erga lafa Falasxiin koloneeffatteen booda yeroo lafa sana gadi dhiisee bahu, Yahuudoonni humnaan biyya "Israel" jedhamtu lafa Falasxiin irratti labsan. Yeroo sana Yerusaalem fi Masjiidni Al-Aqsaan harka mootummaa Joordaan jala ture.

⚔️ Xumura irratti Bara 1967 ( Waraana Guyyaa Jahaa ):

Kun waraana Muslimtoota baay'ee gaddisiiseedha. Waraana humnoota Arabaa fi Israa’il gidduutti godhame kanaan, Israa'il daqiiqaa muraasa keessatti Masjiida Al-Aqsaa fi guutuu magaalaa Yerusaalem humnaan qabatte.

💔 Walumaagalatti, erga Salahuddin Al-Ayyuubin Baytal Maqdis fi magaalaa Yerusaalem bilisa baasee abbaa lafa sanii kan seenaan beektu Muslimtoota harkatti deebisee booda, waggaa 730 booda Masjiidni Al-Aqsaan lammata harka Muslimootaa keessaa bahe.

🌑 Guyyaa sana irraa kaasee hanga har'aatti Masjiidni Al-Aqsaan cunqursaa diinaa jala jiraa hubadhu.

━━━━━━━━━━━━ 🌿🌺🌿 ━━━━

⚠️🌸 Mee Haala Kufaatii Kanaa Hadiisa Kanaan Haa Ilaallu: 🌸⚠️

📜
قال رسول الله ﷺ:
«يُوشِكُ الأُمَمُ أَنْ تَدَاعَى عَلَيْكُمْ كَمَا تَدَاعَى الأَكَلَةُ إِلَى قَصْعَتِهَا». فقال قائل: ومن قِلَّةٍ نحن يومئذٍ؟ قال: «بَلْ أَنْتُمْ يَوْمَئِذٍ كَثِيرٌ، وَلَكِنَّكُمْ غُثَاءٌ كَغُثَاءِ السَّيْلِ، وَلَيَنْزِعَنَّ اللَّهُ مِنْ صُدُورِ عَدُوِّكُمُ الْمَهَابَةَ مِنْكُمْ، وَلَيَقْذِفَنَّ اللَّهُ فِي قُلُوبِكُمُ الْوَهْنَ». فقال قائل: يا رسول الله، وما الوهن؟ قال: «حُبُّ الدُّنْيَا وَكَرَاهِيَةُ الْمَوْتِ».
🍃 ( رواه أبو داود ) 🍃

🌿 Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan:
“Ummatoonni ( Diinni keessan ) akka namoonni nyaata nyaachuuf itti wal afeerutti isin irratti wal yaamuun dhihoodha ykn ni dhihaata.” jedhan.

🌺 Yeroo kana Namni tokko:
“Yaa Ergamaa Rabbii! Guyyaa san keessa waan nuti Islaamni xiqqaa taaneefii?” jedheen.

🌿 Ergamaa Rabbiitis ﷺ:
“Lakki, isin guyyaa san baay’eedha; garuu akka hoomacha bishaan lolaati *( galaana )*ti. Sodaa diinni keessan duraan isiniif qabu Rabbiin qalbii isaanii keessaa ni baasa; qalbii keessan keessatti ammoo laafina darba.” jedhan.

🍂 Kana jennaan:
“Yaa Ergamaa Rabbii, kan diina keenya keessaa sodaan keenya fuudhamee qalbii keenya keessatti laafinni darbamuuf yoo maaliif?” jedhanii gaafannaan,

✨ Ergamaan Rabbii ﷺ:
“Waan isin addunyaa jaalattanii fii du’a jibbitaniifi.” jedhan. ✨

━━━━━━━━━━━━ 🌿🌺🌿 ━━━━

🌼✨ Gaaffiin Xumuraa ✨🌼

🌸 Sila Harka Muslimtootatti Ni Deebi’aa? Yoom? 🌸

🌿 Deebiin isaa fagoof dhiyoo osoo hin taane:
✨✨ EEYYEE, SHAKKII TOKKO MALEE NI DEEBI’A! ✨✨

Kun waadaa amantii keenyaati; kunis jecha Ergamaa Rabbii ﷺ kan wahyii malee lafaa fuudhee hin dubbanneti.

🌷 Furmaanni Maali? Yoom Deebi'a? 🌷

Kan jedhuuf ammoo Injifannoon akkasumaan lafa taa’anii hawwuun hin dhufu. Ulaagaalee Umar bin Khattab fi Salahuddin Al-Ayyuubin guutan san deebisnee guutuu nurraa barbaachisa.

🌿 ❶ Gara Rabbii Deebi’uu ( Tawbah ) 🌿

Akkuma Umar ( R.A ) jedhe:
✨ "Rabbiin Islaamummaadhaan kabaja nutti godhe; yoo Islaamummaa dhiisnee karaa biraatiin kabaja barbaanne nu salphisa." ✨

Kanaafuu yoo nuti iimaana keenya jabeessine malee humni waraanaa qofti nu hin baasu.

🤝 ❷ Tokkummaa Ummataa 🤝

Salahuddin waraana kaafiraatin loluu eegaluun dura, duraan dursee mootummaa Islaamaa kan wal lolaa turan tokko godhe. Tokkummaan yoo jiraate injifannoon ni dhufa waan ta’eef.

🕌 ❸ Dhaloota Akka Salahuddin Al-Ayyuubi Horachuu 🕌

Dhaloota aakhiraa isaanii tolfatan, kan addunyaaf hin bitamne, kan salaata subhii akka salaata juma'aatti masjiida guutan uumuudha.

━━━━━━━━━━━━━━━ 🌿🌸🌿 ━━━━━━━━━━━━━━━

🤲🌺 Yaa Rabbii Du'aa'ii Keenya Nuuf Qeebali: 🌺🤲

🤲 Yaa Rabbii, Masjiida Al-Aqsa cunqursaa jalaa nuuf baasi!
🤲 Yaa Rabbii, gootota akka Umar fi Salahuddin dhaloota kana keessaa nuuf kaasi!
🤲 Yaa Rabbii, tokkummaa fi iimaana Muslimootaa jabeessi!
🤲 Yaa Rabbii, salphina harka diinaa jiru kana nurraa kaasi Warra Masjiida Al-Aqsa bilisa baasu keessaa tokko nu taasisi!
🤲 Yaa Rabbii, osoo lubbuun keenya hin bahiin Masjiida Al-Aqsa keessatti salaata nuuf laaffisi!

🌷🤲 AAMIIN 🤲 AAMIIN 🤲 AAMIIN 🌷

🌙✨ In shaa Allah, dukkanni hammaattus bariidhaaf abdiidha… ✨🌙

━━━━━━━━━━━━━━━ 🌿🌺🌿 ━━━━━━━━━━━━━━━

> 🌸 "لا تَزَالُ طَائِفَةٌ مِنْ أُمَّتِي عَلَى الدِّينِ ظَاهِرِينَ، لِعَدُوِّهِمْ قَاهِرِينَ، لا يَضُرُّهُمْ مَنْ خَالَفَهُمْ إِلا مَا أَصَابَهُمْ مِنْ لأْوَاءَ حَتَّى يَأْتِيَهُمْ أَمْرُ اللَّهِ وَهُمْ كَذَلِكَ". قَالُوا: يَا رَسُولَ اللَّهِ، وَأَيْنَ هُمْ؟ قَالَ: "بِبَيْتِ الْمَقْدِسِ وَأَكْنَافِ بَيْتِ الْمَقْدِسِ". ( رواه أحمد ) 🌸

> 🌿 Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: “Ummata kiyya keessaa gareen tokko dhugaa irratti mul’atanii ( mo’atanii ) itti fufuun jiraatu. Diinni isaanii isaan hin miidhu ( hin mo'atu ), hanga ajajni Rabbii ( Qiyaamaan ) dhufutti haala sanaan jiraatu.”

> 🌺 Sahaabonnis gaafatanii: “Yaa Ergamaa Rabbii, isaan sun eessatti argamu?”

Jennaan;
> ✨ Nabiyyiinis ﷺ deebisanii: "Baytal Maqdis fi naannoo Baytal Maqdis keessatti" argamu jedhan. ✨

━━━━━━━━━━━━━━━ 🌿🍃🌺🍃🌿 ━━━━━━━━━━━━━━━

🌸🌿 Hanga xumuratti yoo dubbiste jiraatte hojii manaa akka siif taatu irraa guduunfadhu: 🌿🌸

🕌 Salaata subhii akka salaata juma'aatti masjiida guutuuf akkam tahuu qabna?

🌿 Yeroo kophaa jirtus kana yaadi.
🌺 Bakka nama tokkoon, lamaan, sadiin wal gartettis kana irratti mariisisi, mariyadhu.

🤲 Marii fi yaanni kee akka galma siif gahu Rabbii tokkicha qofarratti hirkadhu, Isaan gargaarsifadhu.

🌙 Akka Rabbiin amrii hunda siif laaffisu, salawaata Nabiyyii ﷺ irratti buusuun laaffifadhu. 🌙

━━━━━━━━━━━━━━━ 🌿🌺🌿 ━━━━━━━━━━━━━━━
Obboleeyyan Keetiif

Yoo sitti tole
irratti Salawaata Nabiyyii ﷺ irratti buusuu hin dagatin

صلى الله عليه وسلم
اللهم صلِّ وسلم وبارك على نبينا محمد ﷺ
اللهم صلِّ على سيدنا محمد وعلى آله وصحبه وسلم تسليمًا كثيرًا 🌿
ﷺﷺﷺ
❀ صلى الله عليه وسلم ❀
ﷺ 🌺 صلى الله عليه وسلم 🌺 ﷺ
﷽ اللهم صلِّ وسلم وبارك على سيدنا محمد عدد ما ذكره الذاكرون وغفل عن ذكره الغافلون 🌙
🌿 اللهم صلِّ على محمدٍ وعلى آل محمد كما صليت على إبراهيم وعلى آل إبراهيم إنك حميد مجيد 🌿
✨ صلّى اللهُ علىٰ محمّدٍ ﷺ ✨

15/05/2026

༺🌿🌸 مَا شَاءَ اللَّهُ • مَا شَاءَ اللَّهُ • مَا شَاءَ اللَّهُ 🌸🌿༻
╭─❀⊰ 𝓑𝓲𝓼𝓶𝓲𝓵𝓵𝓪𝓱 ⊱❀─╮
🌿 Waan qalbii nama gammachiisu fi iimaana Mu'uminaa jabeessu keessaa tokko,
🌸 Majlisa Imaam Al-Asha’arii,
🌿 Giddu Gala Barnoota Islaamaa Harargee Lixaa keessatti,
🌸 Kitaabni kabajamaan Sahiih Bukhaarii marsaa saddeettamii saddeetaffaa (88ffaa) irratti
🌿 Sheekhoota keenya kabajamoo Sayyidii Shekh Haji Ahmad Naasir irratti xumuramuu isaati.
༺🌿✨ Dhugumatti kun gammachuu guddaa, milkii guddaa fi barakaa ilmii isaanii irraa argamu keessaa isa guddaadha ✨🌿༻
🌸 Rabbiin gammachuu kana gammachuu addunyaa fi Aakhiraa godhee nuuf haa tursiisu.
🌿 Majlisa kana, warra gargaaran, warra baratan, warra dhaggeeffatan,
🌸 akkasumas warra Kitaaba Bukhaarii xumuran hundarraa Rabbiin haa qeebalu.
༺🍃📖 Rabbiin kitaaba kana qalbii isaanii keessatti ifaa, barakaa, hubannoo, ikhlaasa fi hojii gaarii keessatti bu’aa guddaa haa godhu 📖🍃༻
🌿 Akkasumas ummata Nabiyyii ﷺ keessatti beekumsi isaanii akka tamsa’u, dhalootaaf ifa ta’u Rabbiin haa taasifu.
╰─❀⊰ 🌺 الدُّعَاء 🌺 ⊱❀─╯
🌸 اللَّهُمَّ بَارِكْ لَهُمْ فِي عِلْمِهِمْ وَعَمَلِهِمْ
🌿 وَاجْعَلْ هَذَا الْمَجْلِسَ مَجْلِسَ خَيْرٍ وَبَرَكَةٍ وَنُورٍ إِلَى يَوْمِ الدِّينِ
༺🌿🤍 جَزَاهُمُ اللَّهُ خَيْرًا وَبَارَكَ فِيهِمْ 🤍🌿༻

11/05/2026

🌙 Showqii Hajjii 🌙

✧༺🌿༻✧
Yaa Rabbi naaf dhaga’i,
Showqiin hajjii na guba,
Makkaaf Madiinaa arguuf,
Onneen kankoo dhukkuba.
✧༺🌿༻✧
Ka’abaa ijaan arguufis,
Silaa hawwiin koo jabaa,
“Labbaik Allaah” jechuudhaf,
Baay’eedhan dharraa qaba.
❀༉‧₊˚🌿˚₊‧༉❀
Garuu carraan nan geenye,
Hireen koo ajaa’ibaa.
༺❁🌿❁༻
Silaa Rabbiin koo guddaan,
Sababa ofii naaf godhe,
Barana naf mijjeysee,
Deemuudhaf carraa argadhee.
✿🌿✿

“Naweytul Hajja” je'ee,
Hajjii kankoo hidhadhee,
Guyyaa Tarwiyaa eegee,
Tarbiyamuu lagadhee.
╰•⊰🌿⊱•╯

Ganamaan gara Minaa,
Imalakoo fe'adhee,
Guyyaa salgaffaa dhufee,
Arafaa san dhaabbadhee.
Silaa maaltu naaf hafe,
Milkii Rabbii abdadhee.
༺═━━🌿━━═༻
Ammas galgala deemee,
Bar karaa Muzdalifaa
Muzdalifaasan bulee,
Gaafa guyyaaa kurnaffaa
Deemee darbadhee Jamraa,
Boolla isii hangafaa,
Wareega kiyya qalee,
Haaddadhee mataa cufa.
Waanin jedhu waan qabu,
Al-hamdulillah qofa.
༺═━━🌿━━═
Daandii fagoo ta’ullee,
Silaa baay’ee hawwina,
Hajjii goonee raawwannee,
Ziyaaruudhaaf Madiinaa.
༻🌿༺
Madiinaa Nabii Rabbii,
Arguudhaaf hawwii qabna,
Rabbummaan nuuf haa kennu,
Ziyaarudhaf tamkiina.
❀🌿❀

╔•ೋ°🌿°ೋ•╗
Duruu qalbiin qaama koo,
Dhiiftee achitti badde,
Qaaman duubarra dheynaan,
Way silaa waa gammaddee.
╚•ೋ°🌿°ೋ•╝

Ija kootiin daawwadhee,
Rowdaa Abbaa Zeynabaa,
Manguddoo magantaadhaa,
Kan guyyaa cinqii jabaa.

✿༺🌿༻✿
Irratti salaammadhee
Mooticha biyya Xeybaa,
Jedhee itti dhaammannaan,
Khaatimaa naaf of qabaa
Dhaamsa koo narraan gatu,
Harka kankoo na qabaa,
Guyyaa Qiyaamaa sanis,
Shafa'aan na dhaqqabaa.
✿༺🌿༻✿
Hajjiin bara kana kun,
Na duraa dabrus carraa,
Inshaa Allah naan feenaan,
Kan amataa wal garraa,
Assalaatu Wassalaam,
Aleyka Alfa marraa.
༄༄🌿༄༄
Yoo Rabbiin guddaan fedhe,
Hijraa nu fuula duraa,
Hajjii kankoo geggeesuuf,
Qophii guddaarran jiraa.
༺═❀🌿❀═༻
Labbaik Allaah je'eetin,
Miiqaatarraa jammaraa,
Madiinallee nin dhufaa,
Hadraa Abbaa Zahraa.
🌿༄✿༄🌿
Ziyaaraa tee nin dhufa,
Rabbiin koo naaf Sakharaa,
Duraanu je'ee himee,
Rabbiin koo Abbaan qudraa,
Jabduma feete hunda,
Laaftuudhaa booda jiraa.
✧🌿✧

╔══❖•ೋ° 🌿°ೋ•❖══╗
قال الله تعالى
﴿فَإِنَّ مَعَ الْعُسْرِ يُسْرًا ۝
إِنَّ مَعَ الْعُسْرِ يُسْرًا﴾
╚══❖•ೋ° 🌿°ೋ•❖══╝
Hanga xumuratti yoo dubbiste: 🌿
🌸 irratti Salawaata Nabiyyii Rabbii S.A.W irratti buusuu hin dagatin. 🌸

🌿 اللهم صلِّ على محمد وعلى آل محمد 🌿 🌿 اللهم صلِّ على محمد وعلى آل محمد 🌿 🌿 اللهم صلِّ على محمد وعلى آل محمد 🌿

06/05/2026

🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸

🌿 Sheek Ahmad Naasir eenyu akka ta’e beektuu? 🌿
🌸 Namni qabeenya fi bareedina isaatiin hin beekamu… 🌸
🌿 Namni kan beekamu, beekumsa isaa, ikhlaasa isaatii, fi ibaadaa isaatiin qofa. 🌿
🌸 Sheek Ahmad Naasir—Rabbiin umrii isaanii haa dheereysuu—ibaadaa keessatti akka fakkeenyatti kan himamu ture. 🌸
🌿 Jireenyi isaanii yeroo hunda Rabbii wajjin walitti hidhamaadha. 🌿
🌸 Ulamaa’oonni gariin inumaa zuhdii fi jabina ibaadaa isaanii keessatti Shekh Hasan al-Basri wajjin wal fakkeessanii himu. 🌸
🌿 Shekh Ahmad Naasir Yeroo hunda jiini Ramadaanaa yeroo seene… 🌿
🌸 Qalbii isaanii guutuun gama Qur’aanaa deebi’u. 🌸
🌿 Guyyaa fi halkan osoo boqonnaa hin jenne irra deddeebi’uudhan Qur’aana qara’uun beekkama … 🌿
Akka fakkeenyatti yoo kaafne:
🌸 Bara 1435H keessatti, ji’a Ramadaanaa keessa 🌿 Qur’aana yeroo 14 erga xumuranii booda marsaa 15ffaa jalqabanii hanga juz’ii 16ffaa. 🌿
🌸 Suuratu Al-Kahf bakka: 🌸

🌿 ﴿قَالَ أَلَمْ أَقُلْ إِنَّكَ لَنْ تَسْتَطِيعَ مَعِيَ صَبْرًا﴾ 🌿

🌸 jedhu erga ga’an booda jiini Ramadaanaa dhume… yeroo kana baay’ee qalbiin
isaanii cabe. 🌸
🌿 Ijji isaanii imimmaanin guutame. 🌿
🌸 isaanis akkana jedhan: 🌸
🌿 “Anaatu yeroo koo qisaase malee, silaa marsaa 15ffaa kanallee Ramadaana keessa nin xumuran ture.” 🌿 jedhan
🌸 Yeroo kana ilmi isaanii tokko akkana jedheen: 🌸
🌿 “Yaa abbaa koo… ammallee xumuruu ni dandeessaa, bar.” 🌿
🌸 Shekh Ahmad Naasiris: 🌸
🌿 “Eeyyee, nan danda’a… garuu sawaaba (ajrii) akka kan Ramadaana keessa qara’ee san hin gahu jechuutu na yaachise malee.” 🌿 jedhaniin:
🌸 Ilmi isaaniis deebise: 🌸
🌿 “Wallahi, ajrii akka kan Ramadaana keessa qaraatanii sanitti akka argattan Rabbii irraa abdiin qaba.” 🌿 jedheen
🌸 Shekh Ahmad Naasir akkamitti akkana jetta ati? 🌸
🌿 “Hadiisa Nabiyyii Rabbii S.A.W. kan ‘namni Ramadaana keessatti waajiba tokko hojjete, akka nama waajibaa 70 yeroo biraa hojjeteetti lakkaa’ama’ jedhu hin dhageenyee?” 🌿 jedheen:
🌸 Ilmi immoo deebisee akkana jedhe: 🌸
🌿 “Ati na barsiifte hin jirtuu yaa abbaa koo…
namni raka’aa tokko salaata Asrii irraa osoo aduun hin lixin dura dhaqqabate, salaanni isaa guutuun akka waan yeroo irratti salaatetti akka isaaf lakkaa’amu.?” 🌿 jedheen:
Shekhonnis, “Eeyyee, akkasi,” jedhan.
Ilmi itti fufee:
🌸 “Kanaafuu, isinis juz’ii 16 Ramadaana keessatti waan qaraataniif. 🌸
🌿 Kan hafe—Inshaa Allah—akkuma kan ji’a Ramadaanaa keessatti xumurtanitti isiniif lakkaa’ama.” 🌿 jedheen
🌸 Yeroo kana… 🌸
🌿 Fuulli isaanii ifee… qalbiin isaanii gammaddee. 🌿
🌸 Harka isaanii ol kaasanii ilma isaanii tiif du’aa’ii kadhatan: 🌸
🌿 “Yaa Rabbi… balbala beekumsaa isaaf bani. 🌿
Hikmaa fi ilmii hunda isaaf kenni. 🌸
Warra hubannoo qabanirraa isa taasisi.” 🌿

Aamiin Aamiin Aamiin Aamiin Aamiin Aamiin
🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿
🌿 Barnoota guddaa: 🌿
🌸 Namni guddaan qabeenyaan miti… qalbii fi niyyaa isaatiin guddata. 🌸
🌿 Ibaadaan dhugaan immoo—ikhlaasa fi jaalala Rabbii qabaachuu dha. 🌿
🌸🌿🌸🌿🌸Rabbiin nuuf haa kennu🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿
🌿 Seenaa kana hanga dhumaatti yoo dubbifte… 🌿
🌸 “Maasha Allah” jechuu hin dagatin! 🌸
🌿 Akkasumas kadhadhu: 🌿
🌸 “Rabbiin umrii Shekh Ahmad Naasir nuuf haa dheereysu.” 🌸
🌿 Ammas wanti biraa guddaan: 🌿
🌸 irratti Salawaata Nabiyyii Rabbii S.A.W irratti buusuu hin dagatin. 🌸

🌿 اللهم صلِّ على محمد وعلى آل محمد 🌿 🌿 اللهم صلِّ على محمد وعلى آل محمد 🌿 🌿 اللهم صلِّ على محمد وعلى آل محمد 🌿

🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿

05/05/2026

🌿🌸🍃
🌿 Lubbuun hedduun 🌿
yeroo dhalatte duuti
🍃 Hiika malee jiraatti…
🍃 Bu’aa malee…
🍃 Ergaa malee…
🌸🍃🌿
Garuu immoo…
🌿 Lubbuun muraasni 🌿
yeroo duute dhalatti
🍃 Hojii isaaniitu hafa
🍃 Ibsaan isaanii itti fufa
🍃 Yaadni isaanii namoota keessa jiraata
🌿✨🌸
Isaan kun warra beekumsa Diin islaam baratanii ittiin hojjetanidha
🌸✨🌿

🌿 تأمّل...
كثيرٌ من النُّفوسِ
تَموتُ حين وُلِدَت
تعيشُ بلا أثر…
بلا معنى…
بلا رسالة
وفي المقابل…
هناك نُفوسٌ
تُولَدُ حين ماتَت
تَبقى آثارُها
ويَمتدُّ نورُها
ويَحيا ذِكرُها بين الناس

وهم العلماءُ العاملون

ليست الحياةُ أن تعيش…
بل أن تتركَ ما يجعلك حيًّا بعد أن ترحل.

24/12/2024

Assalamualaiku Warahmatullahi wabarakatuhu
Sagantaa Guddaa Kabaja Ayyaana Mowlidaa sababeeffachuun
Oromia Goodina Kaabatti geggeeffamte Guddaa Nu gammachiisa
Kan Ummanni Bakka maraa waliin tehee Gammachuu waliin qooddatu.💔💔💔💔💔💔💔💔💔💔👍👍👍👍👍👍👍👍👍👍👍

Want your school to be the top-listed School/college in Asebe Teferi?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address

Asebe Teferi
WESTHARARGE