Islamic Dawaa Group Tube.com

Islamic Dawaa Group Tube.com

Share

Islamic

30/10/2023

★ ADARAA KEESSAN DUBBISAA
*******------*************--------***
★ Faayidaa shifuu
Ustaaz Alii Hassan irraa

Qirichi asii gaditti argitan kun Afaan Oromootiin shifuu jedhama

Afaan arabaatiin Habbu-Rashaad(Halfaa
Jedhama.
Faayidaan isa hedduudha
Aniis osoon youTube irratti dawaa barbaaduuf deemuutiin Video sheek Alii kana arkadhee
Eegas booda sirritti hirdifeetiin qoricha kana itti fayyadamee irraahiis fayyadame
Waaniin bu'aa isaa arkeef namni video sana hin daawwatin yoo jiraate je'ee barreyfamaan isiniif kahe
Isiniis dubbiftanii akka irraa fayyadamtan abdiin qaba

Egaa gama faayidaa shifuutti yoo deebinu kan armaan gadii kana

1/ Dhukkuba Tiruu Namni dhiibba tiruu qabu qoicha shifuu jedhamu kana daakii Dammaa wajjiin walitti makii xiqqeeysii nyaadhu nyaata dura hanga fayyitutti sana booda turuun kee siif qulqulloofti

2/ Dhukkuba Shimbirroo Kun jechuun Dhukkuba cimaa dafee bama galaafatuudha!

Mallattoo dhukkuma shinbirroo

-IJA namaa daalacheeysa
-fincaan nama daalcheeysa
-nama dadhabsiisa
- nyaata yoo nyaatte sirra hin taa'u /nama qooqigachiisa
-Hafuura namatti kukkuta

Mallattoolee kana namni of irratti arge hatattamaan shifuu daakee dammaan walitti makee garaa qullaatti yoo nyaate hatattamaan fayyuu dandaha
3/Dhukkuba Asmii

Mallattoon Dhukkuba kanaa
- Hafuura namatti kukkuta
-nama ukkaamsa
-nama qufaasisa
Kanaafiis shifuu daakii damma itti maki Xiqqeeysi nyaadhu hanga fayyitutti

4/ Qufaa Qufaan gosa lamaatu jira inniis; Qufaa jiidhaa fi goggogaadha
Kanaafiis shifuu daakaniituma damma itti makanii nyaatan hanga namarra fayyutti
5/ Dhukkuba Baras dhukkubni kun Dhukkuba cimaa bifa namaa jijjiiruudha
Kanaaf shifuu daakii dammaan walitti makii bakka gogaan addaate hundatti dibi kaaniis nyaadhu hanga fayyitutti

6/Dhukkuba Mar'imaanii

Inni kun Dhukkuba dubartoota keenya rakkisaa jiruudha
Mallattoon isaa

-garaa keeysa nama deema nama Dhukkuba ,Hafuura nama guutee nama deeqqifachiisa ,mudhii nama dhukkubsa,miillen namarratti dhukkubsa
Kanaafiis shifuu daakii damma itti makii nyaata dura dhugi
7/dhukkubbii marsaa Laguu

Namni gariin hoggaa xuriin itti dhufuuf dhihaate ni Dhukkuba qaamni isii kuniis ni furfuura xuriin kuniis seeraan hin bahu
Kanaafuu too shifuu daakanii dammumaa waliin xiqqishuma arraaban namaaf sirreeysa jechuudha dhukkubbiiniis sirraa fayyaa
HUBADHU;
jenne
Asirratti dubartiin Ulfaa ykn haati daaima garaa keeysaa qabdu qoricha kana fayyadamuu hin qabdu hanga mucaa isii deessutti Sababni isaas;- qorichi shifuu jedhamu kun gar-malee waan oowwuuf ulfa ykn Daa'ima garaa keeysa jiru sana irra miidhaa geeysisa waan taheef

8/Dhukkuba geestamoo
Kun jechuun teeysuma kanarraa kaasee hanga hirphaatti kan nama dhukkubuudha
Kanaaf shifuu daakii damma waliin dibadhu akkasumaas Zeeyta shifuu bitadhuu bakka si dukkubu sana dibi ni fayyita inshaa Allah

9/Dadhabbii Qunnamtii Saalaa

Namni hanqina kana qabdaniis shifuu daakaati killee Lukkuu bishaan danfaa keeysa kaaha osoo killeen daalattii fi adiin walitti hin ititin keeysaa baasaa daakuu shifuutiin walitti makaati nyaadha 'jedhan' sheek Aliin

As irratti garuu safuu hin beeytuu akka naan hin jenne
Fayyaan Faaya!

30/08/2023

UFFFF ME SENA AJAIBA TANA WALIF QODA...!
SI ARGUU HIN FEDHU"
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Barataa tokkotu yeroo hunda haadha isaa jibba. Sababa haati isaa ijji ishee tokko qofa ta'eef haadha ija tokkee qabaachuun isatti hin tolu. Yeroo hunda "ijuma kee kana arguu hin barbaadu wayyaatiin maradhu!" jedhee harmee isaa kana argaa jibba ture. "ati hiriyoota koo biratti na qaanessita si arguu hin fedhu" jedha ture.

Gaaftokko mana barumsaa inni baratutti ayyaana maatii barattootaatu kabajamuuf jedha. Barattoonnis, maatii isaanii fudhatanii mana barnootaa deeman. Inni garuu harmee isaa dhoksee qofaa isaa deeme. Haati isaa kunis nama irraa dhageessee, "mucaan koo otuu ani jiruu akkamitti qofaa dhaabata" jechuun mana barumsichaa dhaqxee isa barbaaddee bira teesse. Innis akka isheen hin dhufne waan beekuuf yommuu ishee argu na'ee, fuulli isaas gurraacha'e. "Ani ija kee arguu hin barbaadu siin hin jennee?" jedhee achitti dhiisee bakka jijjiirrate.

Yeroo sagantaan xumuramee gara qe'eetti galuuf jedhanis harmeen isaa kun isa wajjin qajeelte. Mucaan ishees, "ati hiriyoota koo biratti na qaanessite, ilma haadha ija tokkee jedhamuu irra otoon du'ee naaf wayya" jechaa aaree boba'e. Barattoonni tokko tokkos "hey hey ijji haadha kee tokko garam dhaqee?" jechuun itti qoosuu jalqaban. Innis kan duraa caalaa aaree gubate. Gara manaatti galuu jibbee biyya biraatti bade.

Achittis turtii yeroo booda carraa barnootaa argatee gara biyya biraa deeme. Haati isaas abbaa manaa waan hin qabneef qofaa taatee baay'ee yaaddofte. Dhiphinaaf yaaddoo irraan kan ka'es ni dhukkubsatte.

Mucaan ishee immoo barumsa xumuree hojii argatee jira. Bultii ijaarees abbaa ijoollee ta'e. Harmeen isaas sababa inni ishee jibbuuf mana isaa dhaquu sodaatte. Gaaftokko garuu murteessitee iddoo mana isaa nama gaafattee bira deemte. Akkuma mana isaa deemteen balbala rurrukutte. Mucaan ilma ishee yommuu balbala bantu jaartii ija tokkootu balbala irra dhaabatti. Mucattiin sunis ni baqatte.

Booda irra ilmi ishee gadi itti ba'ee, "ati maalumaaf jireenya kootti gufuu taataa jaartittii nanaa, ani si arguu hin fedhu siin hin jennee? Amma dafii ija koo duraa badi!" ittiin jedhe.

Isheenis waan gootu dhabdee gara qe'ee isheetti tirattee galte. Yeroo boodas dhukkubnishee itti hammaate. Ilmi ishee kunis waa'een harmee kanaa garaa isa nyaachuu eegale. Guyyaa tokko haadha warraa isaatiin, "guyyoota muraasaaf hojiif iddoo biraan deema" jechuun ishee sobee mana haadha isaa dhaqe. Haati isaa yommuu isa argitu, "ishoo mucaa koo baga dhufte. Ani akkuma ati argitu kana du'uuf qophiittin jira. Garuu osoo afuurri na keessaa hin ba'in dhugaa tokko sitti himuun fedha.

"Ani kanaan booda sin qaanessu, jireenya kees hin jeequ nagaan jiraadhu. Dhugaan jiru garuu, yeroo ati daa'ima turte osoo taphattuu, mukaan of waraantee ija kee tokko balleessite. Anis ati ija tokkoon guddachuu irra ani ija tokkoon du'uu wayya jedheen ija koo tokko of keessaa baasisee siif arjoome. Ati garuu ijuma kootiin barattee bakka guddaa geessee, hamaaf gaarii hunda argitee, ijuma kootiinis argaa koo jibbite. Kanas jaaladheen godhe, ammas nan si jaaladha. Nagaan taa'i" jechuun afuura dhumaa baafatte addunyaa kana irraas lubbuu dhaan darbite.

Mucaan ishee kun eelaa onnee horatee bara jireenya isaa guutuu dhukkuba gaabbii dhukkubsachaa jiraate. Kanaafuu haati ofii haadhuma!

Dhaamsi Kiyyas:-

♡ Haati ofii haadhuma;
♡ beektes wallaaltes,
♡ rakkattes godhattes,
♡ bareeddes fokkistes,
♡ qabaattes dhaabattees,
♡ dhiyaattes fagaattes,
♡ qurcooftes budoomtes,
♡ salphattes ulfaattes,
♡ gabaabattes dheerattes,
♡ qajeeltees meelattes,
♡ ijaa jaamtes ilaaltes,
♡ haati ofi haadhuma!

Waliif qoodaa!!
✍️✍️

Want your school to be the top-listed School/college in Nairobi?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address

Nairobi
00610

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00