05/21/2026
Kana booda Viidiyoo Hojjechuuf Kaameeraa Hin Barbachisu Gemini Omni AI Haaraa Kana Yoo Beekte!
============================================================================================
Addunyaan teeknoolajii guyyaa guyyaan saffisaan jijjiiramaa jira, garuu tarkaanfiin Google dhiheenya kana fudhate hundumaa caalaa addadha! Meeshaan dandeettii dachaaf qophaa'e (multimodal AI) jedhamu, dandeettii addaa addunyaa raasaa jiruun dhufeera. Kaameeraa qaalii bitachuu, kireeffachuu ykn muuxannoo edit gochuu osoo hin barbaadin, barruu (text) xiqqa qofa galchuun ykn suuraa laachuun viidiyoo bifa cinematic ta'een qulqullina olaanaan uumuun danda'ameera! Hojiin sa'aatii dheeraa fudhatu amma daqiiqaa muraasa keessatti harka kee seeneera. 🚀✨
Gemini dandeettiiwwan dinqisiisoo hedduu of keessaa qaba. Isaan keessaa Video Generation barruu gara viidiyoo socho'aatti jijjiiru, Image to Video suuraa static ta'e jireenya itti uumee viidiyoo gochu, fi Voice & Audio Creation sagalee namaa fakkaatuu fi effects addaa uumuun kanneen fakkatanidha. Kun dandeettii Multimodal AI makuun waan hojjetuuf, oomishni isaa guutumaan guutuutti platformoota social media ( , , ) irratti maxxansuuf kan qophaa'edha. 💻🌐
Eenyutu irraa fayyadama?
🎥 Content Creators & YouTubers: Viidiyoowwan haaraa yeroo gabaabaa keessatti uumuun channel keessaan salphaatti guddisuuf.
📈 Daldaltoota fi Marketers: Baasii malee beeksisa oomishaa bifa cinematic ta'een daqiiqaa tokko keessatti hojjechuuf.
🎓 Barattoota fi Qorattoota: Yaada qorannoo isaanii bifa viidiyoo nama hawwatuun dhiyeessuuf.
👇 Ati hoo dandeettii AI Video Generation kana yaalteettaa? Kaameeraa malee viidiyoo uumuun carraamoo sodaadha jettu? Yaada keessan comment irratti nuuf qooda, hiriyoota keessaniifis SHARE gochuu hin dagatinaa! 🔁