16/06/2026
Oduu Gammachiisaa
Obboleeyyan keenya muslimaa Daaroo labuu fi hawwii guddinaarraa badii takka malee Shira Aliyyii Abdii xaxeen gaafa Baatii 1/1447. Caamsaa 9/2018 May 17/2026
Aanaa Hawwii guddinaarraa Nama 6
Aanaa Daaroo labuurraa nama 7, walii gala namni 13 Erga gyyaa shaniif waajira gandaatiifii waajira poolisii aanaatitti hidhamanii booda 6 gara magaalaa guddittii godinaa magaalaa Cirootti dabarfamanii Halkan 1 achi bulfamanii, Guyyaa 7/1447 May 25/2026 Caamsaa 17/2018
Fuudhamanii gara Magaalaa Dirree dhawaa geeffamanii hidhamanii turan, kunoo arra hidhaa ji'a tokkoo booda guyyaa arraa 30 /1447 9/2018 nagayaan bahanii jiran.
gootonni jaalalaa fi cimina diin saaniitiif qabanii jacha maqaa sobaatiin moggaafamanii, tooftaa Aliyyii abdiitiin hidhaman kunneen maqaan isaanii kan asii gadii kana.
1, Hawwi guddinaa
2, Hawwii guddinaa
3, Hawwii guddina
4, Hawwi guddinaa
5, Hawwi guddina
6, Hawwii guddinaa
7,Shekh_Asraar_Abdallaa Daaro labuu
8, 'uuf_Abdallaa Daaro labuu
9, Daaroo labuu
10, daaroo labu
11, Daaro labuu
12, Daaroo labu
13, Daaroo labuu.
obboleeyyan islaamaa kan waliin rakkachaa turre hundinuu baga rabbiin nu gammachiise Alhamdulillaah❤️
ta fuulduraatiif ammoo hirriibarraa dammaquu qabna
Maxxansi kun Akkuma sibira gaheen Hawaasa ballaa Islaamaa Ummata keenya kana Du'aa'ii fii gargaarsa Adda Addaatiin bira dhaabbachaa jiran Share godhii biraan gahii gammachuu Tana dhageessisi
17/05/2026
مَن عجز عن الحج فقد أُتيح له العمل الصالح في عشر ذي الحجة:
قال ابن رجب رحمه الله:
لمَّا كان الله سبحانه قد وضع في نفوس المؤمنين حنينًا إلى مشاهدة بيته الحرام، وليس كل أحدٍ قادرًا على مشاهدته في كل عامٍ: فَرَضَ على المستطيع الحج مرةً واحدةً في عمره، وجَعَلَ موسم العشر مُشتَرَكًا بين السائرين والقاعدين، فمَن عَجَزَ عن الحج في عامٍ قَدَرَ في العشر على عملٍ يَعْمَلُهُ في بيته يكون أفضلَ من الجهاد الذي هو أفضل من الحج.
ليالي الـعشر أوقات الإجابةْ
فـبادِرْ رغـبـةً تَـلْـحَـقْ ثـوابَـهْ
ألا لا وقــتَ للــعُـمَّـال فـيـه
ثواب الخير أقربُ للإصابةْ...
إخوانكم في هذه الأيام قد عقدوا الإحرام، وقصدوا البيت الحرام، وملؤوا الفضاء بالتلبية والتكبير والتهليل والتحميد والإعظام، لقد ساروا وقَعَدْنا، وقربوا وبَعُدْنا، فإنْ كان لنا معهم نصيبٌ سَعِدْنا.
لطائف المعارف (ص ٦٠٢)
اللهم اعنا على ذكرك وشكرك وحسن عبادتك
Namni Hajjii gochuu dadhabeefis, Rabbiin hojii gaggaarii guyyoota kudhan jalqabaa Dhul Hijjah keessatti bal’inaan baneera.
Ibn Rajab al-Hanbali akkana jechuun isaanii irraa odeeffama:
“Rabbiin ol ta’e keessatti hawwiin Mana Isaa kabajamaa argu jedhu qalbii mu’minootaa keessa kaa’e. Garuu namni hundi waggaa hunda keessatti achi deemuu hin danda’u. Kanaaf nama danda’u irratti yeroo jireenya isaa keessatti yeroo tokko Hajjii dirqama godhe; yeroo guyyoota kudhan kanaas deemtootaa fi taa’tootaaf walqixa taasise. Namni waggaa tokko keessatti Hajjii gochuu dadhabe illee, hojii gaarii mana isaa keessatti hojjetu argata; hojii sun yeroo tokko tokko jihaada irra caala jechuunis Hajjii irra caalaa mindaa qabaachuu danda’a.”
🌙 Walaloo isaa keessaa:
Halkan guyyoota kudhan kanaa yeroo du’aan kadhannaan itti qeebalamu dha
Kanaaf fedhii gaariin hojii keessatti ariifadhu, mindaa isaa argatta.
Yeroon hojii gaggaariif akka yeroo kanaa hin jiru
Mindaan kheeyrii keessatti argamu baay’ee dhihoo dha.
Obboloonni keessan yeroo kana keessa:
* ihrama hidhataniiru,
* Mana Rabbii kabajamaa kaayaniiru,
* samii takbiiraa, tahliilaa fi tahmiidaan guutaniiru.
Isaan deeman; nuti teenye.
Isaan dhihaatan; nuti fagaanne.
Garuu yoo Rabbiin nuuf qooda godhe, isaanii waliin milkoofna.
📚 Kitaaba: *Lataa’if al-Ma’aarif* fuula 602.
🤲 “Yaa Rabbii! Si yaadachuu, si galateeffachuu fi ibaadaa bareedaan si gabbaruu irratti nu gargaari.”
28/04/2026
🔴 Deebii cimaa jalqabaa Erdogaan, dokumantiin miidiyaa Raashiyaatiin saaxilame akka agarsiisutti, Netanyaahuun osoo waggaan kun hin dhumne biyya Turkii irratti waraana banuuf karoora qabaachuu isaa hordofee kenne:
🔴 Erdogaan akkas jechuun labse: "Waan dandeessan yoo jiraate godhaa, garuu of eeggannoo cimaa godhaa. Waraanni Turkii irratti banamu yeroo gabaabaa qofa fudhata; sunis hanga Mootummaan Israa’iil dhumatutti fii kaartaa irraa haqamtutti qofaadha."
🔴 "Nuyi akka dhuunfaatti beekna; warri Iiraanitti aansee kan dhufan Turkoota akka ta'an. Kanaaf, nuyi har’aa fii kaleessa kan qophaa’aa jirru isin dhabamsiisuuf malee isin waliin waraana gochuuf miti."
🔴 "Turkiin sa’aatii muraasa keessatti Israa’iliin Addunyaa kanarraa balleessuu ni dandeessi. Israa’iil kana ni barbaaddi taanaan, haa jalqabdu, haa gootu; nuyis isaan eeggachaa jirra."
♦️♦️♦️♦️♦️
👉 Israa'iil kallattiin Turkiye dhahuu akka hin dandeenye isiinuu ni beekti, karaan irratti Walitti dhufaniin dirreen Sooriyaadha, Namni Sooriyaa tuqe Turkiin dhukkee irraa kaaftu malee dhiistee hin beektu, waggoota 15 darban keessa Bashiir Al Asad fii warra isa gargaaraa ture Raashiyaa fii warra biroos hunda daaraa gootee Mootummaa haaraa Sooriyaa gadhaabde, Turkiin lola Azerbaijan fii Armenia irrattis Israa'iil taphaa ala baaste Azerbaijan wajjiin taatee Nagorno karabah waggaa 33 ol Armenia harkatti kan turte, waggaa Afur dura Basement waraanaa lama Azerbaijan irratti dhaabdee guyyaa 53 keessatti To'annaa Azerbaijan jalatti deebistee Addunyaa rifaasiste!
👉 Turkiyen Israa'iil to'attee Abbaa Biyyaa (Falasxiin) harkatti deebisti yoo Rabbi ja'e!